JHBitootessa 11-12 bara 2015 sochiin Qeerroo Bilisummaan Oromoo taasisaa jiruun goleelee Oromiyaa walii gala keessatti gaaffiin mirgaa fi bilisummaa Oromoo bu’ureffate itti fufuun, Bitootessa 11 irraa kaasee uumata waliin wal qabachuun godina Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti diddaa kaasaniin waraana Wayyaanee waliin walitti bu’aa oolanii jiru.
Gaaffii uumanni Oromoo aanichaa gaafataa jiru keessaa:-
Mootummaan Wayyaanee haamlee fi aangoo ittiin uumata Oromoo bulchu waan hin qabneef waggaan 23 isa gahee jira nurraa haa bahu.
Qeerroon Bilisummaa akeeka mirga democaracy fi bilisummaa qabatee falmaa itti fufa.
Finfinneen kan Oromooti,
Gochaaleen hammeenyaa mootummaa Wayyaaneen nurratti ta’aa jiru akka dhaabbatu!
Fi dhadatnooleen adda adda addaa dhageessifamaa Qeerroonis wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa oolee jira.
Poolisonni naannoo Oromiyaas Qeerroo cinaa dhaabbattan isa jedhuun mootummaan Federaalaa humna addaa fiduun ummata itti roorisaa ooleen poolisii Oromiyaa keessaa tokko ammoo namni Shifera Kuusaa jedhamu akka hidhame gabaafama.