Friday, March 27, 2015

Dargaggoo Bunguli (Abdiisaa)Haayilee Dararama Mana Hidhaa Keessatti Wayyaannonni Irraan Gahaniin Wareegame.

Seenaa Jaal Abdiisaa Hayilee (1986-2015)

Jaal Bunguli (Abdiisaa) Hayilee abbaa isaa obboo Hayilee Dagabaasaa Camadaa fi haadha isaa Aaddee Muluu Daammanaairraa Caamsaa 14/1986 A.L .O. ti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat ganda Gaamoo Hadaadiitti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma aanaa Jibaat mana barumsaa iichaa hadaadiitti xumure. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa shanan sadarkaa lammaffaatti barachuun qormaata biyyoolessaa(kutaa 10ffaa) qabxii giddugaleessaa galmeessissuun gara kolleejjii teknikaa fi oggummaa Ambootti ogummaa seeraa barachuu eegale. Ogummaa seeraa baratee osoo jiruu carraa hojii waan hin arganneef ogummaa dhuunfaa isaa hojii ijaarsaa garaa garaatiin biyyoota adda addaa deemee  hojjachuu eegale. 
Jaal Abdiisaan nama qajeelaa dhaabbii fi ilaalchi isaa namatti tolu ture. Hawaasa naannoo isaa biratti taphataa kubbaa milaa cimaafi farda gulufuun beekama. Jaal Bunguli (Abdiisaa) bara 2014 yeroo ummanni Oromoo daangaa lafa Oromiyaa falmatu mirga saba isaatiif nama of kennee falmaa turee dha. Sababa kanaanis hiriira seeraan alaa gaggeesite; jeequmsaaf ummata kakaafte jedhamee yeroo dheeraaf hordofamaa ture. Innis hordoffiin itti hammaannaan bakka jireenyaa jijjirachuun  jiraataa ture. More:- http://oromedia.net/

No comments:

Post a Comment