Tuesday, March 10, 2015

Gaaffii Mirgaa Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Kaasaniin Wal Qabatee Kaabinooti OPDO 3 Hojii Irraa Arihaman.

 Bitootessa 10,215 Odeessa Qeerroo Shaggar Lixaa
alaabaa
alaabaa
Warraaqsa Bilisummaa gootota barattoota Oromoon yeroo irraa gara yerootti mootummaa Wayyaanee raasaa jiru jabaachaa fi daran ciminaan soss’aa kan dhufe humni warraaqsaa,mootummaa Wayyaanee haalaan akka yaaddessee fi naasuu guddaa itti fidee jiru beekamaa dha.
Bitootessa 2015 keessa guutummaa Shaggar Lixaa keessatti warraaqsa Qeerroon Bilisummaa socheesen wal qabatee mootummaan Wayyaanee soda guddaan waan itti buleef jidduu kana bulchitoota Federaalaa irraa naannoo Oromiyaa heeraan ala seenuun kaabinoota OPDO hojii irraa arihaa akka jiranii fi sochii warraaqsa bilisummaa kana duubaan ABO itti hidhatee kan hojjetaa jiru isini sababa jedhuun hojii irraa arihuutti argamu.
Bitootessa 9,2013 Shaggar Lixaa Aanaa Abunaa irraa hojjettoota 3 hojii irraa arhiman keessaa:-
  1. Shifarraa Mokonon, Hojin Fayinanasi
  2. Baacaa Lameessa ,Hojin Humnaa namaa
  3. Girmaa Baacaa,hojiin Gageessaa hojii
Kanneen ta’an yeroo tahu,haalli kun gara fuula duraattis mootummaan Wayyaanee naannoolee biro irraa waan itti fufuuf Oromoon bakka jiruu gamtaan ka’ee warreen dhimma bulchiisa Oromiyaa keessa seenanii akka fedhanitti hojjettoota hojii irraa arihan dura akka dhaabbatan taasisuun falmaa yerooti.

No comments:

Post a Comment