Thursday, March 19, 2015

Diddaan Sirna Wayyaanee fi Gaaffiin Mirga Abbaa Biyyummaa Guyyaa Har’aa Yuuniversitii Afur(4) Keessatti Jabaatee Itti Fufe.

Diddaa, Gabaasa Qeerroo Bitootessa 19,2015

Dhaabbilee barnootaa Yuuniversitii, koollejjii, godinaalee oromiyaa naannoo adda addaatti FDG gaaffii dhimma gubachuu bosona Oromiyaa, dubbii  Abbaa Tsaayee fi mirga walabumaa Oromiyaaf falmuun wal qabsiisudhaan Qeerroon Oromiyaa keessatti diddaan ka’ee jira, bakka gabaasa Qeerroo ibsu irraa kana gaditti kan argamuudha.
  1. Haromayyaa Yuuniversitii:-

    441
    Mooraa yuuniversitii guddicha Haromayyaatti Bitootessa gaafa 18/2015 dhaabaa ibsaa fi manaa irratti barruu mata dureen isaa “Sabboontotni Oromoo FDGf Kaaffee keenya Keessatti Ganama Sa’a 7:30 Irratti Wal Arguun Dhaamsa Dabarsina” jedhuun dhaadannoolee qabxii 8 qabu waliin bakka garagaraatti maxxanfamee bule odeessi Qeerroo yoo addeessu, dhaadannoon qabxiidhaan maxxanfamanis
  • Bosonni oromiyaa mootumma wayyaaneetiin gubachaa jira,manca’aa jira
  • Ilmaan Oromoo yoo xiqqaate 35,000 ol mana hidhaa keessaa gadhiifamuu qabu,
  • Barattoota ajjeefamaniii fi hidhamaniif mormii keenya itti fufuu qabna
  • Poolisiin federaalaa mooraa keessaa haa bahu
  • Mirgi diimokiraa fi uummataa haa eegamu
  • Kaardii filannoo sobaa hin fudhannu
  • Abbaay Tshaayee uummata oromoo arrabsuun seeraan gaafatamuu qaba
  • Maqaan Master Pilaanii kana booda ka’uu hin qabu.
Kan jedhu dhaadannowwan kanaa olii kana mooraa keesatti bittimsuun humni waraana wayyaanee gubbaadhaa socho’uun kaleessa naannoo fi keessa mooraa Yuuniversitii Haromayyaa buufatee akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa. Barattootnis nyaata kaaffee lagachuudhaan barumsas dhaabuun kan beekame, humni ittisa biyyaa sochii barattootaa kana dhaamsuuf garasitti ergame diddaa barattootaa dhaamsuu akka hin dandeenye odeessaan ibsa.
  1. Yuuniversitii Jimmaa:-

    yeroo barattooti didanAkuma beekamu yeroo darbe sadarkaa itti aanaa fi gorsaan mootummaa Itoophiyaa kan ta’an Abbaay Tsaahe dhimma Master Pilaanii dubbiin afaanii baafate ilmaan oromoo kamuu jalaa dhokataa miti,kanumaan kan wal qabate diddaan mooraa barnootaa yuuniversitii oromiyaa keessa jiru mara keessatti dhimma qabeenyaa oromiyaa gubataa fi manca’aa jirus dabalatee gaaffiin ka’aa akka jirus odeessa Qeerroon darbaa jira, haala kanaan kaleessa Bitootessa 18/2015 yuuniversitii Jimmaa mooraa Kiitoo Fardiisaa(Engineering Compus) jedhamee kan beekamu, mana yaalaa barattootaa moorichaa keessatti Qeerroodhaan barruun afaan Oromoo fi afaan Ingiliffaatii fuula 9 qabu mata duree “Master Pilaaniin Hojii Irra Ooluu Hin Qabu fi Dubbii Obbo Abaay Tsahe Dubbates Tuffii Uummata Oromoo Akka Tahe” keessattis waamicha diddaa kan ibsu barruun kun bakka namni argu lama lafa kaa’amee jira, jalee mootummaatiin argamee yeroodhaan toohatame malee mooraa yuuniversiti keessatti barruu hedduun akka maxxanfamee jiru Qeerroon odeessa isaa nuun gaha,kanumaan mootummaan wayyaanee mooraan xiyyeeffannoo guddaadhaan akka eegamu,humna ittisaa mijeeffachaa mooraa Yuuniversitii sana qofaaf mijeeffachaa akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa. Akka Yuuniversitii Jimmaatti mootummaan sodaa guddaa keessa seeneera, barataan Oromoo diddaadhaaf of qopheessee akka jiru hubachuu irraan, barruuleen waamichaas mumul’aa waan jiraniif hordoffii jabeeffachuun karoorfata, haaluma kana fakkaatuun guyyaa har’aas barattootni mooraa keessatti sochii diddaa mul’isuun dhagayamee jira, diddaan itti fufuu qaba.
  2. Adagirat Yuuniversitii:

    Gaafiin mooraa Yuuniversitii kanatti ka’ee jiru dhimma amantaan kan wal qabate tahullee barattootni Oromoo heddumminaan keessatti gaaffii miidhaan saba Oromoo kaasuun, gubachuu bosonaa fi warshaalee Oromoo keessa jiranis kaasuudhaan gaaffii barattootaa gara gaaffii mirgaatti naannessanii guyyoota lamaan kana jechuun Bitootessa 17 fi 18 barumsi dhaabbatee akka jiru odeessaan Qeerroo gamasii addeessaa jira. Barumsas akka hin baranne Oromiyaan boca uumamashee mootummaa Wayyaanen utuu gadhisaa jirtuu, ilmaan Oromoo mana hidhaatti osoo gidirfamuu jireenya dhuunfaa keenyaaf barumsa kennee lafa dhiituun haa dhaabbatu jechuun diddaan mooraa kanattis qabatee akka jiru odeessi nugahee jira.
  3. Naannoo Wallootti:-

    Aanaa Gudayaa ganda Konkaa Ijaa jedhamau Bitootessa gaafa 15 fi 19 /2015 mootummaa irraa ergamee hojii basaastummaa aanaa kana keessatti kan hojjetu dhalootaan Amaara kan tahe tokko nama dhalootaan oromoo tokko sabboonummaa qabu harka mootummaatti dabarseekennuu irraan tarkaanfiin ajjechaa basaasaa mootummaa wayyaanee kana irratti raawwatamee jira. sababa kanaan manneen jireenyaa saba amaaraa 4 ol tahus ibiddaan gubateera,diina mootummaan ergamee uummata hammeenyaaf kennaa jiru kana irratti boombiinis darbatamee namoonni hedduun mada’anii jiru, odeessa Qeerroo hubatamu irraa uummanni tarkaanfii mootummaa wayyaanee irratti fudhachuu eegalee jira,deggertootni mootummaas sodaa kana keessa seenuudhaan hojii isaanii irraa akka deebi’aa jiran dhalootaan saba biraa kan tahan, ilmaan habashaa hojii diinummaa irratti bobbahanii jiranis naannoo sana irraa uummataan ariyamaa akka jiran odeessi Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment