Wednesday, March 25, 2015

Sirni Ibidda Qabsiisuu Malee Dhaamsuu Hin Beekne Ibiddaan Dhabama.

(Ijoo Dubbii ABO)
ABOItophiyaa keessatti hannii fi saamichi haayyamamaa fi deggeramaa dha. Empaayera  qabeenyi ummatootaa fi biyyaa miliyoonotaan itti saamamu waan taateef. Empaayera Wayyaanee keessatti lubbuun lammiilee kabajaa hin qabu. Sirna garee shiftaan durfamu mormuun, mirga ofiif qabsaa’uun seeraan ala jedhamee  bakkayyutti ajjeefamuun, hidhamuun, dhaanamuu fi balaa ulfaataaf saaxilamuun gochaa guyyuu lammiilee irratti raawwatamaa jiru waan taheef. Bittaa bulchiinsa alagaa jalatti dararamni Saboota mirga uumaa fi seeraan qaban  dhaban irra gahu ammoo hunda irra ulfaata.
Gaaffiin sabummaa ummatni Oromoo kaasee waggoota dheeraaf irratti qabsaawaa jiruu fi gaaffii hangafaa tahe silaa kan deggeramuu qabu, gaaffii cubbuu taasifamee, kabajaa  ummata Oromoo xiqqeessee, salphisee fi qaanessee gaddaa fi hiyyummaa salphaatti keessaa bahuu hin dandeenye keessa isa seensisee argama. Ajjeechaa, hidhaa fi dararamni diinaan irra gahu hammaatus ummatni Oromoo gaaffii kaaseef hanga deebii quubsaa fi isaaf malu hin argannetti kan qabsoo itti fufu tahuu tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatuun agarsiisaa jira. Ijoo Dubbii ABO

No comments:

Post a Comment