Wednesday, March 4, 2015

Mootummaan Wayyaanee Olola Siyaasaaf Jecha Baadiyaalee Oromiyaa Keessaa Shamarran Ykn Haadhotii Leenjii Guyyaa Sadii Kennuuf Adaamaa Keessatti Walitti Qabaa Jira.

Gabaasa Qeerroo Adaamaa Bitootessa 3,2015
ShamarranHar’a Bitootessa 3,2015 irraa kaasee Mootummaan Wayyaanee karoora Shamarran haadhoolii godinoota Oromiyaa gandoota adda addaa irraa walitti qabuun Adaamaa galma abbaa gadaa keessatti maqaa leenjii Shamarranii jedhuun Bitootessa 3,2015 walitti qabaa jira.
Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa addeessutti ergamtooti Wayyaanee OPDO gariin kan durfamu leenjiin kun kan kaayyeffatee ka’ee fi qabxiileen marii dhihaatee jiru:-
  1. Bakki hundeeffama dhaaba OPDO dirree darraa otoo hin taane dirree Adeet ta’uu
  2. Filmaata bara kanaa gufuu tokko malee mo’achuu akka qabamuuf qoodi shamarran kennan guuddaa ta’uu.
  3. Waayee Master Plan Finfinnee fi gaaffii lafaa qotee bulaan kaasu seeraan waan isa gaafachiisuuf shamarran qonnaan bultoota akka gorsan.
  4. Magaalaa fi Baadiyyaa keessatti dargaggoonni Oromoo mootummaaf waan hin abboomamneef harmootiin ykn shamarran dargaggoota Oromoo akka gorsanii fi mootummaa irratti kaka’uu irraa akka dhaaban.
Leenjiin Haadhotii ykn Shammaranii kun Adaamaa galma Abbaa Gadaa keessatti  guyyaa sadiif kan turu ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.
Bakka walgahii kanaatti ulaagaan shamarran baadiyyaa irraa gara leejichaa dhufan kan uffachuu qaban keessaa T-shirti mallattoo kanniisaa qabu ta’uu qaba. Kunis hirmaattota walgahichaaf raabsamee jira.
OromSha

No comments:

Post a Comment