Wednesday, March 11, 2015

FDG Guyyaa Har’aa Godina Shaggar Kibba Lixaa aanaa Daawoo Magaala Buusaa Keessatti Ka’uun Kan Baarage Warraanni Wayyaanee Dargaggoo Oromoo Tamasgen Jedhamu Sadafaan Reeban.

Bitootessa 11,2015 Magaala Buusaa
diddaa9Godina Shaggar Kibba Lixaa  aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti warraaqsi Bilisummaa finiinaa ooleen guyyaa har’aa Bitootessa 11,2015 hiriiraan oole uumannis gaaffii abbaa biyyummaa gaggeessaa ture. Addatti dargaggoonni Oromoo fi barattooti Oromoo qooda guddaa kan fudhatan yeroo ta’u karaa namaa mirga Oromummaa falmachuu irratti gaaffiilee :
  • Oromiyaan kan Oromooti,
  • Finfinnee hin kenninu Murree,
  • Nuti nagaa barbaadna, kijiba Wayyaanee nuffinee fi kkf n adda durummaan dhaadhachaa oolanii jiru.
Haalan kanaan loltootii fi humni poolisa Wayyaanee naannoo jiran maraa wal waamuun barattoota reebgaa oolan, dargaggoo Oromoo Tamasgeen jedhamu sadafiin  rukutanii lafarraa harkisan Uummanni Daawoo kan gochaan gara jabina diinaa dallansiise kuunneen FDG daran jabeessuun  iyyaa fi  dhaadataa jiru.

No comments:

Post a Comment