Tuesday, March 17, 2015

Sochii Fi Warraaqsa FDG Guutuu Oromiyaa Keessatti Deemaa Jiru Dhaamsuuf Karoora Mootummaan Wayyaanee Ergamtuu Isaa, OPDOf Baase

(Madda Oduu – SBO, Bitootessa 16,2015) –Sirna gabrummaa Impaayerattii keessatti diriirseen Ummatoota biyyattii keessaa addatti ammoo akka diina innikkaatti kan lakkaaye Ummata Oromoo cunqursaa suukaneessaaf kan affeere mootummaan wayyaanee TPLF, sochii ummanni kun mirga isaa kabajchiifatuuf taasisaa jiru dhaamsuuf tarkaanfii farrummaa fi shira cubbamaa xaxuun aadaa-amala isaa tahuu waggoonni kurna lamaan dabran ni mirkaneessu. Kanaafis garaaf-bultoota maqaa ummata Oromootiin dhaaba kan jedhuun walitti sassaabee of jalatti bixxillatee, OPDO akka meeshaatti itti fayyadamuu itti fufeera.
Sirni ummataaan jibbamee fi mormii irratti finiinaa jiruun raafamaa jiru kun, kooraa aangoo biyyattii qabatee jirurra bubbuluudhaaf gaaffii haqaa ummatoonni kaasan xurii dibuu, humna waraanaan dura dhaabbatee ajjeechaa, hidhaa fi dararaan ukkaamsuu tooftaa taasifateera.
Wayta sochiin Oromoon gabrummaa didachuudhaan bilisummaa isaa dhugoomfachuuf taasisaa jiru humnaan ukkaamamuu akka hin dandeenye hubatu ammoo lukkeelee isaa bobbaasuun shira xaxuu fi humnaanis ta’u akeeka abaaramaa galiin gahuuf halkanii-guyyaa dhama’a. Ergamtoonni diinaa kunneenis akeeka farrummaa wayyaaneen itti kenne qabatanii Oromiyaa keessa gulufuudhaan hawwii fi fedhii Oromoo ugguranii kaayyoo diinaa galmaan gahuudhaaf Oromoo gabrummaa jalatti ittisuudhaaf hojjetaa jiru. Sochii abaaramaa kanas hawaasa Oromoo biyyoota alaattis tarkaanfachiisuudhaan qabsoo Oromoo firaa fi deeggarsa dhabsisuun wayyaanee masaraa Minilik keessa bubbulchuuf ajaja qondaalota TPLF fudhatanii wayta fiigan mul’atu.
Sochii Diddaa Gabrummaa guutummaa Oromiyaa keessatti ummanni Oromoo addatti ammoo gootowwan Qeerroon Barattoonni Oromoo irratti finiinsaa jiraniin yaaddoo fi dhiphuu guddaa keessa kan seene gartuun abbaa irree wayyaanee muddamsuu keessa seene jalaa bahuuf olii fi gadi fiigaa – OPDOtas fiigsaa jira.
Akka odeessa jidduu kana keessa sirnichaatii nu dhaqqabeetti, fincilaa fi diddaa ummataa Oromiyaa keessatti hidda jabeeffatee, miseensota OPDOllee hirmaachisuun dhaabbilee barnootaa fi bakkoota adda addaatti finiinaa jiru dura dhaabbachuudhaaf sirni wayyaanee karoora irratti karoora baasuun OPDOtti laataa jira. Karoorri sirna TPLF muddama jalaa baasuu fi qabsoo Oromoo of booda deebisuuf danda’amuuf ammoo dhabamsiisuuf akeekkate kun bifa ajajaatin hoogganootaa fi qondaalota OPDO ol’aanootti kan kenname tahuutu barame. Lukkeeleen amanamoo wayyaanee tahan kunneenis Oromiyaa keessa naanna’uun bifa qeeqaa, walgahii, Konfiransii, hiriira bahuu kan jedhuu fi akka adda addaatti ummatatti dhiyaatanii itti ololuun, doorsisuun akkasumas sabboontota hidhuun karoora wayyaaneen baasee itti kenne kana galiin gahuudhaaf qophiitti jiru.
Fincila Diddaa Gabrummaa qeerroon barattoonni Oromoo ummata hirmaachisuun gaggeessaa jiranii fi QBO gurmuu qabsaawotaa jabeeffatee fi bal’ifatee finiinaa jiruun kan dhiphate wayyaaneen jidduu kana karoora haaraa baasee ergamtuu isaa OPDOtti laateera. Ergamtoonni isaa sadarkaa caasaa Gandaatii kaasanii hanga Kaabinoota Pirezdaantii naannoo Oromiyaa ti jedhamaniitti jiran dirqama wayyaaneen itti laate kan akka galiin gahaniif gooftolii isaaniitiin murtiin itti kennameera.
Akka odeessa keessa sirnichaatii miliqee nu gahe kanaatti, qondaalonni OPDO magaalota Oromiyaa sirnichi akka irratti xiyyeeffataniif qopheesserra naanna’uun maqaa walgahiitiin karoora wayyaanee galiin gahuuf saganteeffataniiru. Akka kanaan dhaabni gammoojjii Tigraayitti TPLFn bu’ureeffamee murna bicuu kana aangoorra tursuuf Oromoo diinomfate kun ajaja wayyaaneerraa itti kennameen Bitootessa 6 bara 2015 irraa eegalee walitti fufiinsaan walgahii ololaaf fiigaa jira. “Hanga qabsoon Oromoo laamsha’utti dirqamni keessan Oromiyaa keessa fiiguun Oromoo afanfajjeessuu fi hiraarsuu dha; hin rafinaa Oromoon nuuf rafaa hin jiruu; sirni keenya dhabamnaan ammoo isinillee dhabamuu keessanii hubadhaa” kan jedhu ajajni doorsisa makate wayyaaneen OPDOtti laatte. Magaalotni Oromiyaa mootummaa wayyaanetiin irratti xiyyeeffatamuun ololaa fi sodaachisa OPDOn gaggeessuuf karoorfate kanaaf ammatti filataman Adaamaa, Calanqoo, Ambo, Jimma, Shaashamannee, Naqamtee fi Fiichee ta’uu odeessi nu dhaqqabe ni saaxila.
Akka kanaanis magaalaa Ambootti A.L.Htti Bitootessa 13 fi 14 bara 2007 bakka ergamtoonni amanamoo wayyaanee tahan Abbaaduulaa Gammadaa, Dhaabaa Dabalee, Salamoon Dasee fi Isheetuu Dasee jedhaman argamanitti duulli wayyaanee kun bifa hiriira nagaa fi marii Paanaaliitiin hojiirra oolfamuuf yaadame. Sagantaa namoota VVIP jedhaman 7 fi VIP 13 dabalatee hirmaattota 1143 akka hirmaachisuuf wayyaanotaan qabame kanaan ummanni akka dirqiin hiriira bahee sirnicha faarsuu fi falmaa haqaa ilmaan isaa wareegama baasaa gaggeessaa jiran balaaleffatu taasisuuf wixiname.
Mariin paanaalii baanamus akeeka kanarraa addaa hin qabaatu. Akka karoora wayyaanee magaalaa Fiicheef baafameetti ammoo, maqaa Ijaarsa Istaadiyeemiif dhakaa bu’uuraa kaahuu jedhuun ergamtichi Pirezdaantii Oromiyaa ti jedhamu Kaabinootaa fi Hogganoota Godinichaa akkasumas fakkaattota isaa sadarkaa gadiirra jiran waliin tahuun dhaamsa wayyaanee ummataan gahuuf jira. Dhaloonni ammaa garuu kan ummata bilisa, biyya walaba ilmaan isheetiin kan feete murteeffattu ijaaruudhaaf wareegama baasee daandii saaqaa fi dhaloota dhufuufis bu’uura kaahee dabraa jira. Deggertoota OPDO muraasaan alatti naannoo kanattis ummata dirqii fi sababoota gara garaan walitti yaasuun dirqama akka ta’e beekameera.
Akka odeessa keessa sirnichaatii bahee harka keenya gahe kanaatti, ergamtoonni wayyaanee gooftolii isaanii kufaatii jalaa baasuuf hirriiba malee fiiga jiran kunneen Baha Oromiyaa iddoo seena-qabeessa Calanqoo sirna eebba Siidaa Calanqoo irrattis ummata walitti sassaabamu meeshaa taasifatanii ololuudhaaf qophii xumurataniiru.

Qophiin Calanqoo bakka VVIP 62 fi VIPn 82 dabalatee hedduun argamanitti gaggeeffamuun yaadamu kun, bakka ergamtoonni diinaa akka Muktaar Kadir, Asteer Maammoo fi miseensonni KHR OPDO argamanitti ALH Bitootessa 12 gaggeeffama jedhameera. Lukkeeleen wayyaanee gita-bittoota habashaa gateettii Oromoorra bubbulchuuf dhama’aa jiran kunneen Bitootessa 20, 2015 Calanqootti walgahuun iddoo Nafxanyoonni fi gitni bittootaa habashaa harkaa-harma Oromoo itti muran kanatti ayyaana guyyaa bixxillamuu isaanii kabajachuuf qophaawuunis ibsameera. Farreen ergama wayyaanee bobaa jalatti baatanii eebba karaa, Siidaa Calanqoo fi Hospitaalaatu gaggeeffama kan jedhuun shiraa jiran kunneen hiree argataniin summii diinni itti laate ummata keessa facaasudhaan QBO laamshessuuf, wareegama ilmaan Oromoo gatii dhabsiisuu fi Oromoo abdii kutachiisuuf yaalu. Ajaja itti laatameen namnuu gaaffii mirgaa akka hin kaasne haasaa fakkeessuun dinninu, duula filmaataa OPDO/EPRDF/TPLF filadhaa geggeessu.
Ummanni Oromoo naannawa Calanqoos tahu guutummaa Oromiyaa keessaa akkasumas addunyaarra jiraatu sochiin ergamtuun wayyaanee maqaa Oromootiin daldalaa jirtu OPDOn, lafa seena-qabeessa kanatti Oromoo gadi qabachiisuun sirna TPLF ajaja itti laate faarsuu fi aangoorra bulchuuf taasisan kanaan waa jabduu qalbifatuu qaba.
Warreen diina seenaa fi eenyummaa keenya dhabamsiisee lubbuu dhala Oromoo habashootaan galaafatametti qoosuu fi bakka seena qabeessa akkasiitti bu’aa siyaasa ergamtummaa isaaniirraa adda hin baane argachuuf tarree duraatti hiriiranii jiran ergamtoonni akka OPDO Oromoof diina diinaa olii tahuun hubatamuu qaba.
Warreen fedhii gooftolii isaanii holqa Adeet keessatti isaan dhodhoobanii tiksuuf akka saree maraattee fiigaa kan jiran qondaalonni OPDO magaalaa Adaamaattis maqaa marii Paanaaliitiin ololuun FDG dura dhaabbachuuf, filannoo fakkeessii ni gaggeeffama jedhamuufis deeggarsa argamsiisuuf karoora lafa kaayatan. Akka kanaan mariin Paanaalii galma Abbaa Gadaatti bakka hayyoota Oromoo, akkasumas namoota VVIP jedhaman 245 fi VIP jedhaman 62 tahan dabalatee namootni hedduun argamanitti ololaaf qophiitti jiru.
Mariin baanamu kun Shaashamanneettis ALH Bitootessa 13 – 14 bara 2007tti akka gaggeeffamu ajajni qal’aan TPLFn kan kenname si’a tahu, kan Adaamaa qondaalota OPDO kanneen akka Umar Hasan, Abdul’aziiz Muhammad, Sufiyaan Ahmadi fi Alamaayyoo Taganuu akka gaggeessaniif akkasuma kan Shaashamannee ammoo lukkeeleen Warqinaa Gabayyoo, Nuuree Qamarii fi Birhaan Tsaggaayee jedhaman bakka VIPn 6 fi VVIPn 10 waliigalatti namoonni 140 tahan argamanitti akka gaggeessaniif saganteeffamuutu saaxilame.
Hojiilee karoora wayyaanee kanaan OPDO keessaan hojjetamuuf yaadaman keessaa inni duraa dubbii Abbaay Tsahaayyee dhimma Master Planii Finfinnee ilaalchisee dhiheenya dubbate haaluun Oromoo dallanee jiru tasgabbeessuu fi dhimmaa Finfinnee waltajjiirratti kaasuun dabballootaan murtii deggarsaa dabarsanii akka waan ummanni irratti waliigaleetti hawaasatti himuuf dhama’uun isa ijoo dha.
Kana malees magaalaa Ambootti ummata humnaa fi gowwoomsaa adda addaan hiriira baasuu fi mariidhaan Oromiyaa keessa akka nagaan jiru fakkeessuuf yaaluu, dargaggoota hojii yerootii fi maallaqaan sossobanii falmaarraa daguu, itti milka’an ammoo filannoof akka cinaa isaanii dhaabbatan gochuu, dargaggootaa fi ummata keessas amanamtoota diinaa kaahudhaan basaasisuu, ABOn akka hin jirretti ololuudhaan ololchiisuu, garaaf bultoonni alaa dhufanis akkasuma akka ololan dirqama itti laachuu, miseensota OPDO sabboonummaa qabanii fi sochii diddaa gabrummaa deeggaraa jiran gandaa hanga oliitti of keessaa baasuun amanamtoota diinaatiin bakka buusuu fi kkf tahuu odeessi arganne ni addeessa. Ajajni kunis kallattiidhaan Abbaaduula Gammadaa fi Muktaar Kadiritti kennamuu kan ibsan keessa beektonni, kana hojiirra oolchuufis haga humna isaanii fiigicharra akka jiran beeksisan. Wayta ammaa kana Oromiyaan walgahii, qeeqaa fi doorsisa akkasumas sagantaa diinaa golgaa adda addaatiin fedhii wayyaanee galiin gahuuf qophaaween dhiphachuu, OPDOnis raafamaa jiraachuu hubachiisan.
Walumaagalatti karoorri mootummaan wayyaanee qabsoo ummanni Oromoo irratti gaggeessaa jiruun addatti ammoo Sochii Diddaa Gabrummaa qeerroo-barattoota Oromootin dhiphate baasee OPDOtti laate qabxiileen/akeekni bakkaan gahachuuf yaade ijoon waa Sadi jechuutu dandahama.
Mootummichi sadarkaa qabsoon Oromoo irra geessetti yaadda’uu fi dhiphachuu irraa, sirni isaa kan yeroo kamiituu caalaatti qabsoo fi diddaa ummataan marfamaa jiraachuun isa rifachiisuu irraa, gootummaa fi murannoodhaan sochiin ilmaan Oromoo biyya keessaa harka duwwaa waraana isaa dura dhaabbachuun haqa Oromoof taasisan guutummaa Oromoo biraas tahuu addunyaarraa deeggarsaa fi dhageetti argachaa waan dhufeef, isa kana ololaa fi gowwoomsaan haguuguun isa tokko. Kanas ummata dirquu fi doorsisuun hiriira baasee biyya keessa nagaan akka jiruu fi ummanni kan isa deeggaru fakkeessee miidiyaalee to’atutti dhiyeeffachuun ittiin hololachuu, Ummata maqaa walgahiin walitti qabee itti ololuu, maallaqaa fi hojii laachufiin gowwoomsee of cinaa hiriirsuun filannoorratti sagalee irraa argachuu fi shiroota kkf mootummichi itti jiru kaasuutu danda’ama.
Qabxiin biraan ammoo ummata Oromoo sirna isaarratti mormii hammeessaa jiru keessumaa humna biyyaa murteessaa kan tahe dargaggoo dandeenyaan of harka galfachuu, dadhabamnaan ammoo sagalee isaa ukkaamsuuf duula gaggeeffamaa jiruu dha. Kanaaf ammoo iddoowwan walgahiin OPDO akka itti gaggeeffamuuf wayyaanedhaan ajajni laatame qofti waan akeeku qaba. Bakkoota sochiin qeerroo barattoota Oromoo itti jabaate hundatti qondaalotaan afanfajjii uumuudhaan iddoowwan biroo kanneen akka Jimmaa, Naqamtee fi Baalee fi warra maqaan hin dhahamin ammoo akkuma amala isaa waraanaan marsee eeguun haqa Oromoo ukkaamsuuf bahe karoorri diinaa kun.
Qabxiin Sadaffaan ammoo gama tokkoon dhaabbilee mormitootaa irratti dhiibbaa taasisuudhaan adeemsa siyaasaatin ala gochaa filannoon gaggeessa jechuun ololaa gama kaaniin ammoo sirni koo dimokraatawa jechuudhaan lammiilee Oromoo biyyoota alaa jiran hawwachuudhaaf duula karooraan qindeeffamee jiruu dha. Kanaaf ammoo akka iccitiin nu harka gahe kun saaxilutti gantoonnii fi bitamtoonni biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatan biyyatti deebifamuudhaan meeshaa tahanii faallaa QBO dhaabbachuu fi diinaaf hojjechuu kan jedhutu kaahame. Kaahamuu qofallee odoo hin taane, bakkoota gariitti ammayyuu sochii fedhii diinaa kana galiin gahuuf fiiguun ifatti mul’ataa jira.
Muddamsuun wayyaaneen keessa jirtu kun kufaatiin sirnichaa dhiyaachuu fi xumurri abbaa irrummaa isaa kalaa’uu kan agarsiisu yoo tahu, karaa kaaniin ammoo keessi OPDO akka waliigalaatti ammoo keessi wayyaanee raafamaa fi tortoraa tahuu hubachiisa. Gaafatamtoonni OPDOs tahan miseensotni OPDO dhalootaan Oromoo tahanii fi dhimmi ummata isaanii isaan quuqu, kanneen roorroo alagaa osoo arganii garaaf mo’amuu didan diinaa fi garaaf bultootaaf jilbeenfachuu fi mo’amuufii didatuun ummata isaanii waliin ta’anii mirga walii galaaf falmuu itti fufuutu isaan irraa eegama.
Waliigalatti ummatni Oromoo, dargaggootni, Qeerroon barattootni Oromoo fi sabboontotni FDG finiinsaa, kabajamuu mirga Oromoof aarsaa ta’aa jiran karoora diinaa fi ergamtoota diinaa kana yeroon hubatuu fi ittis dammaquun fashalsuuf jabinaa fi cichoominaan irratti hojjechuun dhaamsa sabboontota Oromoo hundaa ti.

Injifannoo Ummata Oromoof
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
Bitootessa 16, 2015

No comments:

Post a Comment