Wednesday, March 4, 2015

Diddaan Barattoota Oromoo Bifa Qindaayeen Itti Fufee, Godina Lixa Shaggar Manneen Baranootaa Sadarkaa 2ffaa Aanaa Midaa Qanyii fi Aanaa Caalliyaa Keessatti FDG Ka’e.

Bitootessa 04,215 Gabaasa Qeerroo Midaaqanyii
diddaa9Bitootessa 3 fi 4, 2015 Godina Lixa Shaggaritti Sochiin warraaqsaa FDG manneen Baranootaa Sadarkaa 2ffaa aanaa Midaa Qanyii fi aanaa Caalliyaa keessatti bifa qindaa’een qabsiame jira, Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa Ballammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa guutummatti cufamani jiru.
Waamicha warraaqsa FDG hoggantootni Sochii warraaqsaa FDG karaa nagaa biyya keessatti gaggeessa jiru uummata Oromoo hundaaf dabarsee jiru hordofuun uummatni Oromoo fi dargaggootni barattootni Qeerrooleen Oromoo bakka jiran hundaa sochii warraaqsaa gaggeessuu irratti argamu. haaluma kanaan uummatni fi dargaggeessi Oromoo haala wal simateen  golee Oromiyaa garaagaraa irraa gara dirree Warraaqsaa FDGtti seenaa jiraachuun gabaafama jira addatti Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Geedoo fi Midaa Qanyii Ballammii cufamuun sochii warraqsa qabsiifame jiru daran jabeessa jiraachuun ibsame. Goototni sabboontotni Qeerroon barattootni Oromoo  Wareegamuu gootota barattoota Oromoo yaadachuu fi qabsoo goototni dargaggootni barattootni Oromoo fi goototni ilmaan Oromoo irratti wareegaman galmaan ga’uuf gamtaan uummata waliin ta’uun sochii Warraaqsaa irratti argamu.
Keessattuu Wareegamuu sabboona barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa waggaa jahaan darbe haala sukkaneessaa fi hedduu gadisiisaa ta’een loltoota mootummaa abbaa irree wayyaanetin rasaasan ajjeefame, waggaan 6ffaa Yaadannoo sabboonaa oromoo Wandimmuu Daammanaa fi sabboontota Gootota Oromoo bara kana sochii Warraaqsaa FDG qabsiifame jiruun akka yaadatamuu fi FDG jabaatee akka itti fufu dhaamsa dabarfamee jiru hordofuun uummaatni Oromoo kana magaalaa fi baadiyyaa jiratuu harka walqabachuun haala itti fufinsa qabuun hiriira mormii sirna abbaa irree gaggeessuuf qophiin akka xummuramee jiru walitti dhaamachuun Manneen barnoota guutummaatti barnoota dhaaban. kana maleess barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa of irraa qabduu fi dhaadannoowwaan garaagaraan guutamtee kutaalee Oromiyaa hunda irra facaafamaa jiraachuun gabaafamera. bakka hundattuu dargaggootni Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo handa manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi saadarkaa 1ffaatti xalayaa iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabate qopheeffachuun mootummaa abba irree raasuu irratti argamu.

No comments:

Post a Comment