Wednesday, March 18, 2015

Breaking News -Wallagga Aanaa Eebantuu Manni Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Qeelloo Irraa Barsiisotii fi Barattooti FDG Kaasan

Bitootessa 18,2015Qeelloo
DIDDAA 2Godina Wallaggaa aanaa Eebantuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo keessatti barsiisoti Oromoo gurmuu barattootaa qabachuun gaaffii warraaqsaa kaasaniin FDG jabaan eegaluu irraa poolisoonni aanichaa fi milishoonni gadnaa marti jeeqama keessa galanii jiraachuu Qeerroon gabaasa. Haala kana irraa kan ka’e hanga ammaa barsiisoti Oromoo 7 fi barattooti lakkoofsaan hin beekamiin akka ergamtoota Wayyaaneen qabamanii jiran gabaasi nu gahe addeessa.
Diddaan barsiisotaa fi barattootaa Qeelloo erga eegalee bultii lama haa ta’u iyyuu malee kan har’aa sadarkaa ol aanaa akka ta’ee gabaasi nu gahe addeessa.
  • Gaaffiileen mirgaa ka’an keessaa:-
  • Mormii master planiii  Finfinnee itti fufna.
  • Abbay Tshayyee uumata Oromoo fi eenyummaa Oromoo itti waan dhadateef seeratti haa dhihaatu.
  • Oromiyaan ni walaboomti!
  • Barsiisoti Oromoo yeroo barataan dhumuu fi hidhamu teenyee ilaaluu hin dandeenyu!
  • Oromiyaan ni bilisoomti,  Artisotoonni Oromoo hidhamanii fi biyyaa arihaman tatattamaan gara biyya isaanitti akka deebi’anii fi kkf ture.
Gama biraan magaalaan Naqamtee fi Yuuniversitiin Naqamtee waraana Wayyaaneen marfamee jiraachuun beekame,Waraanni naannichatti bobba’ani moraa Yuuniversitii cinaa qubatan dhalootaan Tigiroota ta’uu Qeerroon gabaasa,Ammatti network quunamtii magaalaa Naqamtee waan hirdhisaniif gabaasi gahaa dhihaachuu hin dandeenye. Audio Player

No comments:

Post a Comment