Thursday, March 26, 2015

QEERROO: Qeerroon Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessanii Itti Fufuun Guyyaa Har’aa Seenaa Galmeessan

Bitootessa 24/2015 Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun itti fufuun guyyaa har’aa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo bara darbee mootummaan EPRDF waraana itti bobbaasuun mooraa Yuunibarsiitii fi manneen barnootaa sadarkaa adda addaa keessatti fixeef gaddaa qaban mormii guddaan ibsachuun walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun gootota ilmaan Oromoo faarsan.
Goototni barattootni Qeerroon Oromoo hanga gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuutti warraaqsii FDG haala wal irraa hin citneen itti fufa nuti bilisummaaf falmanna, nuti mirga keenyaa fi mirga uummata keenyaa kabachiisuuf falmanna, Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO’n bara darbee baatii Eblaa irraa eegaluun ajjeechaa jumlaa fi duula duguugginsa sanyii fi ukkaamsaa hidhaa utuu uummata Oromoo irratti gaggeessa jiranii har’a biyya bakka buuna biyyaa bulchaa jirra, ayyaanaa hundeeffama keenyaa waggaa 25ffaa kabajna jechuun dibbee sobaan afuufamtee dhiitofte reebaa jiraachuun mootummaa wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee OPDO/TPLF itti gaafatamaa seeraa fi seenaa jalaa baasuu hin danda’u.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waraaqsa FDG egaalan jabeessuun mootummaa wayyaanee boqonnaa dhorkuun torbee dhuma kana dheengaddaa dabbaallootni mootummaa wayyaanee fi mataan mootummaa Wayyaanee jiilli abbootii irree EPRDF/OPDO/TPLF Muktaar Kadirii, Hayleemaariyaam Dassalee fi Barakt Simoonin durfaman mootummaa keenyaa warraaqsaa dargaggoota barattoota Oromoon raafamee kufuuf jiru kufaatii irraa haa baraarruu jechuun guyyaa hundeeffama ergamtuu wayyaanee OPDO kabajuu maqaa jedhuun uummata gooluu fi olola siyaasaa oofuuf gara Jimmaatti duula gochuun dhiphina keessa galanii jiraachuun hubatamera.
Goototni barattoota Oromoo dhugaaf falmataan dullii olola siyaasaa fi humni poolisaa fi waraanaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa keenyaa duubatti hin deebisuu, deebii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruus hin ta’u jechuun tarkaanfii gara jabinaan mootummaan abbaa irree barattoota Oromoo nagaa irratti fudhateen gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif gaddaa guddaa nuti dhagaa’amu ibsachaa qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf warraaqsa FDG gama kamiinuu ni finiinsina hanga gaaffiin karaa nagaa gaafachaa jirruu deebii sirrii argannuutti duubatti hin deebinu jechuun eebbifamtootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barattoota Yuunibarsiitii jimmaa ilmaan cunqurfamoo kaan illee dabalachuun mooraawwaan yuunibarsiitii Jimmaa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa ka’uun uuffata gaddaa uffachuun magaalaa Jimmaa keessa wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo faarsu fi gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman faarsaa gara mooraa Main Campusiitti walitti dhufuun nuti eebbifamtootni ilmaan Oromoo yoom iyyuu yoo eebbifamnes uummata keenyaaf jiraanna, uummata keenya waliin jiraanna, mootummaan abbaa irree uummata keenya irraan kaafna jechuun marii gabaaba godhachuun obbolaawwaan keenya bara darbee sabaaba gaaffii mirgaa gaafatneef dhaabbilee barnoota garaagaraa keessatti wareegamaniif gadda guddaatu nutti dhagaa’ama barattoota Oromoo mootummaan EPRDF/OPDO/TPLF garaa laafina tokko malee dhukaasee ajjeeseef yoom iyyuu itti gaafatamuu qaba jechuun dhaamsa dabarfachuun walleelee warraaqsaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa naanna’uun sirbuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

No comments:

Post a Comment