Monday, March 9, 2015

SEENAA SOCHII QEERROO FI QABSOO OROMOO

Ummanni Oromoo eega gabrummaa jalatti kufee, takkaa  gabarummaa fudhatee hin teenye. Karaa isaa dandahame hundaan kutaalee Oromiyaa hedduu keeysatti mootummaa gabroomfataa dura dhaabbachaa  turan. Fakkeenyaaf fincila ummanni Oromoo gaggeeysaa ture keeysaa garii yoo maqaa dhooyne sochiin fincila diddaa gabrummaa bara 1940-1942 keessa Oromoota Raayyaa fi Daawweetiin(walloo), bara 1960 keessa Oromoota Baaleetiin gaggeeffamaa turuu seenaan ni ibsa. Keessaahuu fincilli diddaa gabrummaa kan Oromoonni Baalee bara 1962 hamma bara 1968 keessa gaggeeysaa turan kan seenaan yoomuu  dagatuu miti. Wareegamni isaan baasaniis seenaan ni yaadata.
Karaa Bahaatiin sochiin Afran qalloo Afaanii fi Aadaa Oromoo guddisuuf hujiin isaan hojjatan seenaan galmeesseera. Sabboontoonni sochii Afran qalloo gaggeeysaa turan mootummaa Hayla sillaasee fi mootummaa Dargiitiin hidhamuu, Ajjeefamuu  fi biyya itti dhalatan tan akkaan jaalatan dhiisanii jireenya baqatummaa mudataniis danuudha. Karaa Oromiyaa jiddu galeeysaa fi dhihaatiin sochiin Waldayni wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa gaggeeysaa turees seenaa qabsoo Oromoo keeysatti bakka ol’aana qaba. Miseensoonni waldaya kanaa gariin mootummoota Haylasillaasee fi Dargitiin hidhamuu, ajjeeffamuu fi biyyarraa arihamuu mudateenii ture.
Ilmaan Oromoo bara sana Sochii karaa addaa addaatiin biyya keeysatti gaggeeysaa turan booda, ilmaan Oromoo  yeroo san,  sabboonummaan itti dhaga’amu, gara biyyoota ollaa akka Somaaliyaatti bahan. Biyya Somaaliyaa irraa gara biyyoota baha jiddu galeeysaa keeysatti wal-gurmeessuun sochiilee tokko tokko jalqabaniiti turan. Tattaaffiin isaan taasisaniis akkaataa itti ijaaramanii maqaa dhaaba siyaasaa tokko tolfatanii Adunyaaf labsan irratti marihataa turan. Dhaaba siyaasaa tokko maqaa isaa moggaasanii labsuurratti falmiitu isaan jidduu ture. Falmiin tuniis yeroo san keeysa mootummaan Somaalee lafa Oromoo qabatuuf jecha maqaa dhaaba siyaayaa WSLF (Adda bilisummaa Somaalee dhihaa) kan jedhamu isaaniif tolchitee turte. Akka kanaan maqaa dhaaba siyaasaa tokko tolfatanii ummatatti bahuurratti, dargaggoonni ykn Qeerroon Oromoo yeroo san waliif galuu hin dandeenye ture.rakkoon isaan gidduutti dhalattee maqaa maaliin akka socha’uu qaban irratti ture.
Yaadni isaanii bakka sadii ture. Maqaa Somlaaleetiin eegaluu.Maqaa Oromoo fi Oromiyaan socha’uu fi Maqaa Itoophiyaan socha’uu kan jedhu. Kaayyoon isaanii inni dhumaa garuu Bilisummaa Ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ture. Yeroo san mootummaan somaalee illee rakkoo Ulfaataa irraan ga’aa turte waan ta’eef. Dhumarratti wanni irratti waliif galan nuti keeysa keenyatti maquma Oromootiin biyya seenuutu nu baasaa irratti wal ta’an.
Ammoo akkuma biyya seenneen maqaa Oromootiin qabsoo jalqabuu keenya labsina jechuun xumuratan.Gorsi mootummaa tokkon kennameefis, ammatti maqaa Oromootiin qabsoo eegaluu keeysan hin labsina. Eeguma biyya teeysan waan hunda guuttattanii seentanii warra biyya keeysa jiruuniis walqunnamtanii booda yoo isiniif ta’e wayya jedhaniiti gorsan. Bakki wal-gehii kana itti gaggeeyffatanii marihataa turaniis biyyuma sana keessatti ture. Barri isaa dhuma 1960 kessa ture.
Maqaa Oromootiin ijaaramuurratti eega harki irra caalu walhubatee booda mootummoota adda addaa dubbisanii gargaarsa akka Dookmeentii ittiin sochoo’an arkachuu, wajjira banachuu, leenjii waraanaatii fi meeshaa lolaa argatuurratti saganteeffatanii hojjachaa turan. Sagantaan  hujii kan  duraa akkataa dargaggoota biyyouu gala bahaa geeysanii itti leenjifatanirratti hojjachuu. Dargagoota Somlaaiyaa naannoo Maqdashoorraa magaalaa Hargeeysaa fidanii nama xiqqo xiqqoon gara Yemanitti dabarfachaa turan. Hujii dargaggoota yk Qeerroo Oromoo dafanii carraa argametti dhimma bahuuf biyya Somaaliyaarraa gara Adanitti dabarsuurratti hojjatame cimaa ture. Hujii tana  keessatti qoodni Obbo Elemoo Qilxuu, Obbo Huseen Suraa, Obbo Mahammad Umar, Injiinar Abdullaahii Luungoo fi  Obbo Mul’is Gadaa ( Aadam Tukkaalee) warri keeysa beeku akka himanitti guddaa ture jedhan.
Osoo dargagoonni leenjiirra jiranii  warri isaan hoogganu mootummoota gidduu gala bahaa adda addaa dubbisuun, Miha lolaa argamee ture Dooniidhaan Yeman buufata Adan fiduudhaan bakka tokkotti jabeeffatanii turan. Dargaggoonni ykn Qeerroon leenjirra turaniis toora nama 40 kan gehan leenjii isaanii xumuratan. Osoo leenjii fudhachaa jirani namni 4 kan hiddi dhaloota isaanii Somaalee ta’e isaan biraa gananii turan. Jarri isaan keeysaa gane kun mootummaa Somaaleeetiif iccitii leenjiirra turu dubbatan. Tanuma keeysa warri Embaasii mootummaa Ethiophiyaatiis sochii kana dhagayanii turan. Sana booda sagantaan bobbaa biyya seenuurratti shaffisaan karoora lafa kaayyatan. Akkaataan bobbaa Dooniin daangaa Baharaa  kan biyya Jabuutii fi Somaaliyaa jidduu lafa banaa mootummoonni lamaan tooyachuu hin dandeenyeetti dhooysaan bu’anii, halkanuma hulluuqanii biyya seenuudha.
Humna dura leenjii fudhatee deemu kan hoogganu Obbo Jaarraa Abbaa Gadaa ( Abdukariim Ibraahim Haamid) ture. Gartuun dura leenjii fudhattee bobbaate yoo akka tasaa bobbaan isaanii duraa fashalte gartuun lammaffaa Obbo Elemoo Qilxuutiin akka biyya seenturratti baallammatanii turan. Akka kanaan  gartuun duraa Lakkoofsaan nama 36 kan gehan baatii sadaasaa ( November) 17,1970 keessa bobbaa isaanii Edanirraa sochii jalqaban. Miha/meeshaa Lolaa kan mootummaa alaarraa gargaarsa argatanirraa, hamma biyya seensisuu dandahan fudhataniiti amna isaanii jalqaban.

No comments:

Post a Comment