HaromaayaaBitootessa 5,2014 Mootummaanabbaa irree Wayyaanee soda fi yaaddoo sochii warraaqsa FDG goototni dargaggootni Qeerroon barattootni  Oromoo irratti qabsiisa jiraniin walqabatee Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa fi magaalaan Jimmaa human waraanaa fi poolisii federaalaan marfamtee eegama jirti.Sochii Warraqsa FDG Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti qabateen walqabatee Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii kana dura dhaabbachuuf human waraanaa fi tikaa of harkaa qabu bobbaasuun barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi magaalaa Jimmaa irratti eggichaa adda ta’e gochaa jiraachuun saaxilame jira.
  Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa  tokkummaa isaanii jabeeffachuun mootummaa wayyaanee jala soda tokko malee mirga isaanii falmachuuf wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu ibsachuun barattootni  Oromoo 10’n badii tokko malee humnan ukkanfamanii mana hidhaa wajjira poolisii Magaalaa Jimmaa alaazer jedhamutti hidhamanii dararama jiran atattamaan akka hiikaman gaafatan. mootummaa wayyaanee fi dabballootni wayyaanee waan qabanii gadhiisan dhabuun muddama keessa jiran tokkummaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barasiisota Jimmaa irraa soda keessa seenuun barattoota ukkamsanii jiran atattamaan gadi gadhiisanii jiraachuun ibsame jira.
 Walumaa galatti Mootummaan wayyaanee Sochii FDG qabsiifama jirun muddamee attattamaan guyyaa kaleessaa bitootessa 5/2015 dhaabbilee barnoota olaanoo biyyaatti Yuunibarsiitota kanneen akka Jimmaa, Amboo, Wallaggaa, Madda Walaabuu, Harammayaa fi Adaamaa keessatti FDG guddaatu nurratti qabsiifamuuf jira jechuun dabbaloota isaa fi humnoota tikaa waraana  wayyaanee hedduuminaan mooraa Yuunibarsiitota kanneeni irraatti bobbaasee eegaa jirachuu gabaasaan keenya bakka hundaa nu qaqqabaa jiru ifa godhee jira. Loltootni fi poolisootni wayyaanees Yuunibarsiitii jimmaa uffata militerii/loltummaa isaanii jijjirachuun uffata sivilii uffachuun mooraa yuunibarsiitiitti olgalfamuun doormii barattoota irraa naanna’uun hojii basaastummaa irratti bobbafamanii jiraachuu saaxilamera. Akeekaa kana dura dhaabbachuu fi fashalsuun kandanda’amu ta’uu hubachiisuun goototni barattootni Oromoo dhaabbilee baranoota olaanoo  FDG dhoosuun akeekaa wayyaanee fashaleessuuf mutii fudhachuu beeksisan.