diddaa9Bitootessaa 7,2015 Godina Jimmatti FDG goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggoota Oromoo magaalaa Jimmaan qabsiifame gara uummatatti tarkaanfachuun aanota Godina Jimmaa addaa addaa keessatti sochiin warraaqsaa itti fufe.
Sochiin warraaqsaa FDG mootummaa Wayyaanee haala yaaddeessa keessa galchee jiru, jabaachuun gara manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti balbal’achaa jiraachuu gabaasaan keenya addeessee jira.
Iyyannoon hoggantootni sochii warraaqsaa FDG kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa akka waliigalatti gaaffii 14 of keessa qabu yeroo amma kana guutummaa Oromiyaa irraa tamsaasuun Oromoon bakka jiru hundaa harka wal qabatee sagalee tokkoon akka falmatuuf hogganootni sochii warraaqsaa FDG karaa nagaa gaggeessa jiran bakka hundaa qaqqqabsiisuun ilmaan Oromoo wal duukaa hiriirsisuuf qophii dursaa xummuruun sochii warraaqsaa kan eegalani jiran ta’uu beeksisan.
Goototni sabboontonnii Oromoo sadarkaa garaagaraa irratti argaman bakka jiran hundaa uummata qindeessuu fi sochii warraaqsa FDG tti makaamaa jiraachuu irraa Mootummaan Wayyaanee muddama guddaa keessa seenuun barsiisota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaa maqaa qorannoo jedhuun dararaa jiraachuu irra darbuun barsiisota ilmaan Oromoo nagaa isin sochii warraaqsa FDG qindeessaa jirtu jechuun mana hidhatti darbaa jiraachuun ifa ba’ee jira.
Godina Jimmaa keessatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi tokkoof Magaalaa Jimmaa, Aanaa Mannaa , mana barumsaa Yabbuu sadarkaa 2ffaa, Aanaa Goommaa mana Barsumsaa Ceecoo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaa, Mana baraumsaa Aggaroo sadarkaa 2ffaa fi 1ffaatti barsiisotni fi barattootni shakkamuun guyyuu maqaa qorannoo jedhuun dararamaa jiraachuun ibsamera.
Sabboontotni Barsiisotni Oromoo sochii warraaqsaa keessatti hirmattan jechuun mana hidhatti darbamaa jiraachuun ibsame jira. Haala kanaan M/B Ceecoo sadarkaa 1ffaa fi kutaa 1ffaa hanga 8ffaa kanneen barsiisan barsiisotni oromoo mana hidhaatti darbamaa jiraachuun ibsamera. Sababaa kanaan barsiisaa 1. Sisaay Bayanee kan keessatti argamu barsiisotni Oromoo 3 mana barumsaa Ceecoo sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa barsiisan ukkanfamamanii mana hidhatti darbamuun dararama jiraachuun ibsamera. Kana Malees sochii uummataa qindeessuu fi sochii warraaqsa FDG keessaa jirtu jedhamuun kadhimamtoonni Paartii mormituu KFO (OFC) lama magaalaa Aggaroo keessatti halkan edaa bitootessaa 7/2015 halkan keessaa sa;aa 4:00 irratti tarkaanfiin reebichaa humnoota poolisootaa fi hidhattoota Mootummaa abbaa irree wayyaaneetiin reebamuun
gabaafamera. Kaadhimamtootni paartii mormituu Oromoo kun:
1.Mohaamed Abbaa Magaal Dinagdee abbaa maatii
2. Saabir Tamaam Sheiharabi kanneen jedhaman utuu dorgomtoota
Poortii mormituu karaa nagaa wayyaanee waliin sochii godhu keessatti hirmaachuun dorgomtoota ta’anii utuu jiranii mirgi isaanii irraa mulqamee mana galmaa isaniitti reebamanii, manni galmaa isaanis dhagaadhaan kan reebamee maca’ee ta’uun ibsamera. Dorgomtootni poortii mormituu kunsi filmaaticha gadhiisanii akka bahaniif dirqisiifamuun daraaraan irra qaqqaba kan jiruu fi sochii warraaqsaa FDG eegalamee jiruun raafama keessa seenuun Mootummaan wayyaanee uummata keenya irratti yakka dalagaa jiraachuu beeksiise.
Hoggantootni sochii warraaqsaa FDG biyyaa Dimookiraasiin hin jirree keessatti filmaata sobatti hiriiruun bu’aa tokko illee kan hin fidne ta’uu hubachuun uummatni Oromoo mirgoota Dimookiraasiin qabuu fi namummaa kabachiifachuuf harkaan walqabatee gara warraaqsaa FDGtti akka makamu gadi jabeessuun waamicha gochuun FDG bakka hundatti haala walfakkattuun kan itti fufu ta’uu hubachiisera.