Friday, March 20, 2015

Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaaffiin Ammaan Dura Gaafanne Waan Hin Deebineef Diddaa Nyaataa fi Barnoota Lagachuun Itti Fufan. Loltooti Wayyaanees Mooraa fi Naannicha Eeguu Jabeessan.

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 20,2015
Bitootessaa 19,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jiraniif deebii sirriin nuuf kennamu qaba malee doorsifnii waraanaa, humnota tikaa fi poolisootaan nurratti godhama jiru deebii ta’uu hin danda’u nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyaa har’aa fincila nyaata lagachuu itti fufan.
Goototni daragaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruuf doorsifni humna tikaa wayyaanee fi waraanaa nurratti gaggeeffamaa jiru deebii ta’uu hin danda’uu,jechuun fincila nyaata lagachuu fi barnoota lagachuun itti fufan, gaaffii keenyaaf warrii biyya bulchina jechaa Oromoo ajjeesisaa, hidhatti guursisaa fi dhiiga ilmaan Oromoo irraa dhaabachuun mootummaan keenya dimookiraatawaadha jechuun Filmaata sobaa wayyaanee keessatti hirmaachuun waan qabanii gadhiisan dhabaa jiran kanneen akka :
1. Muktaar Kadir dhufee Gaaffii keenyaaf Deebii kennuu qaba.
2. Dr Kabaa Urgeessaa deetaan ministeera barnootaa presidentiin Yuunibarsiitii Jimmaa duraanii kan turee fi Yeroo amma kanatti mootummaa wayyaanee bakka bu’uun filannoo kijibaa Wayyaanee keessatti qooda fudhachuun wayyaanee Oromoo hidhaa, ajjeesaa, fi barattoota Oromoo barnoota irraa arii’achaa jiru bakka bu’uun miseensa mana maree bakka bu’ota uummataaf dorgomaa wayyaanee ta’uun kan duula filannoo gaggeessaa jiru, yeroo gabaabaa keessatti argamuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebii kennuu qaba jechuun barattootni Oromoo FDG nyaata lagachuun guyyaa har’aa jabeessuun itti fufan. Mootummaan wayyaanes Barattoota Oromoo qaroo qabeeyyii fi abdii uummataa ta’an doorsisuu fi waraanaa fi humna tikaa of harkaa qabuun doorsisuu itti fufe. Suuraan attach ta’e kun suuraa barattoota Oromoo nyaataa fi barnoota dhaabuun gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun qabsoo warraaqsa FDG itti fufani jiranidha.

No comments:

Post a Comment