Saturday, March 21, 2015

Warraaqsi Bilisummaa Gootota Barattoota Oromoo Jimmaa Har’as Itti Fufee Oole,Magaalli Jimmaa fi Mattuu Sababaa Kanaan Muddama Wayyaanee Jala Jirti.

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 21,2015 Jimmaa
Audio Player
diddaa9 Warraaqsii FDG Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa qabsiisan daran jabaachuun guyyaa kaleessa hanga gaaffiin mirga fi dimookiraasii gaafachaa jirru deebii argatuttii jechuun nyaataa fi barnoota dhaabuun diddaa isanii ibsacha kan jiran yoo ta’u,  Guyyaa hardhaa Bitootessa 21,2015  immoo goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Yuunibarsiitii keessa gadi akka hin baane humna poolisa federaalaa fi humnota tikaa Wayyaaneen  ittifamuun eeggichi  guddaan irratti gaggeeffama jira.  Barruuleen warraaqsa FDG’s magaalaa Jimmaa fi Mattuu keessatti guyyaa har’aa irree Qeerroo barattoota Oromoon facaafame, qabxiilee Armaan gadii of irraa qaba.
  1. Mirgootni dimookiraasii fi Mirgi namummaa uummata keenyaaf haa kabajamu.
  2. Doorsifnii  humna poolisaa ,tikaa fi waraana wayyaaneen nurratti godhamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba.
  3. Sakkatta’insii mooraa Yuunibarsiitii irra kaa’ame kaafamu qaba.
  4. Filmaata sobaa dura gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
  5. Oromiyaa keessatti bosonnii Uumamaa fi warshaleen akka Warshaa suukara Fincaa’aa ibiddaan barbadeeffama jiru, tokkummaan kaanee balaa ibiddaa Mootummaan wayyaanee qabeenyaa Oromiyaatti qabsiisee haa dhaamsinu, Mootummaan Wayyaanee yakka kanaaf gaafatamuu qaba.
  6. Dimookiraasiin hin jiru, Mootummaan EPRDF abbaa irree Afrikaa Bahaati.
  7. Uummatni Oromoo Oromummaan Yakkamee hidhatti ukkaanfame gaaffii tokko malee haa hiikaman.
  8. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n yakka ajjeechaa,hidhaa fi baranoota irraa arii’achaa turan seeratti dhiyaachuu qabu.
  9. Abbay Tsahayee angawaan TPLF/EPRDF kan ta’ee yakkamaan saba keenyaa arrabsee fi eenyuummaa uummata keenya balfe angoo gadhiisuun yakka dugugginsa snyii oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf seeratti dhiyaachuu qaba.
  10. Master Plan Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba.
  11. Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba.
  12. Hanga Mootummaan abbaa irree Wayyaanee angoo gadi lakkisutti FDG jabaatee itti fufa. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeessa jirru jabeessinee karaa nagaa fi Dimookiraasii addunyaatti iyyachuu fi abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuun jabaatee itti fufa barruun jedhu bittinneeffama jira.
Gama biraan Paartiin mormituu KFO kun Guyyaa har’aa wayita Magaalaa Jimmaa hanga  Mattuutti duula na filadhaa gaggeessa jiranitti barruulee sagantaa ejjennoo KFO ibsu facaasuun ittumaa mootummaa wayyaanee dhiphinaa fi muddama guddaa keessa galchan. Mootummaan Wayyaanee humnoota tikaa, dabballootaa fi waraana isaa bobbaasuun barruulee warraaqsaa na filadhaa paartiin kun facaasaa jiru, funaanuu fi akka uummatni bahee hin fudhannee fi hin dubbifneef yaalii guddaa godhan iyyuu humni uummataa humna Wayyaanee ol itti ta’uun uummatni barruulee warraaqsa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo facaasaa jiruu fi barruu duula na filadhaa KFO faacaasaa jiru argachuun dubbisee waliif daddabarsa jira.

No comments:

Post a Comment