Monday, May 25, 2015

Wallagga Qelle,Godin aalee Biroo Dabalate e FDG Itti Fufeera

Qellem Aanaalee Garagaraa Keessatti FDG Kae, Uummanni Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Wallagga Lixaa Keessaa FDGn Bilisummaa Gonfanna Jechuudhaan Kae. Gabaasa Qeerroo Amma Nu Gahe! Qellem,aanaalee garagaraa keessatti kanuma filannoo dhugaa hin taaneef reebicha namoota irra gaheef uummanni mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan fincila kaasee jira. aanaalee kanneen akka Anfilloo, Sayyoo gandoota fi buufataalee filannoo garagaraatti fincilli kaeen namootni baayeen reebamuu fi hiehdmauun kaleessa irraa kaasee hanga haaatti itti fufe, uummanni gadi bahee mootummaan Wayanee silumayyuu hattuudha, uummanni osoo hin filatiin of filate aangoo irra hin jiraattu jechuudhaan nun bulchitu jechuun uummanni diddaa qabsiisee jira. Barattootni man barumsaa barachuu lagachuudhaan mootummaa wayyaanee baleellaffachuu mulisuudhaan diddaa kaasaa jiru magaalota Dambi Doolloo keesssa sababa sodaa kanaaf wayyaaneen humna waraana isaa qubachiise, aanaa Qeebbee, Canqaa fi Qaaqee keessattis hara Fincilli kaee jira. Mootummaan wayyaanee aangoo isaa irraaa buqqisuuf kadhaa hin deemnu, kaanee mirga keenya haa falmannu, FDG kaanee itti fufna jechuudhaan qonnaan bulaan, barataan wal kaasee jira, Barumsi kennamuun dhaabbateera, kan kennamus uummataan cufamaa jira,godina wallagga lixaa, Qellem, Jimmaa,Iluu Abba Booraa keessatti kn baratu barumsa dhaabee, kan hojjetu hojii isaa dhaabee, kan daldalus daldala dhaabee FDG wal hin cinnee itti fufuudhaan uummanni kutatee kaee jira, Maqaa filannootiin yeroo ammaa kana namootni hedduun hidhamaa jiru, reebamaas jiru kanas doaadhaaf boodatti osoo hin jedhin kan hidhame hidhaadhaa bahuun fincilaan kan milkaau tahuu wal hubachiisuudhaan hara ganama irraa kaasee Qellem aanaalee garagaraa keessatti FDG kaee jira.

No comments:

Post a Comment