Thursday, May 21, 2015

Wayyaanee/TPLF Filannoon Booda Maqaa OPDO Qulqulleessuu Jedhuun Sabboontota Oromoo OPDO keessa jiran Irratti Duuluuf Murtii Irra Gahee Jira

SBOLogoAnimation(SBO) — Maddi Oduu Amanamaa oduu SBOn gaheen akka hubachiisetti wayyaanee/TPLF ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran kanneen sabboonummaa qaban irratti duuluun tarkaanfii hidhaa fi ariisaa fudhachuuf murtii irra gahee jira.
Akka oduu kanaatti OPDO keessatti ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban mumul’achuun akeeka ganama OPDOn ittiin ijaaramte, kan akeekaa fi kaayyoo wayyaanee Tigraayi tarkaanfachiisuu jedhu didamaa dhufuu irraa, kun wayyaanee haalaan rifachiisee jira.
OPDO bakka duraatti deebisuun ajajaa fi qajeelfama bifa fedheetuu itti kennamu fudhatee akka hojii irra oolchuuf kan dandeessisu tarkaanfilee adda addaa fudhachuuf murtii irra kan gahan wayyaanotni, ilmaan Oromoo OPDO keessaa sabboonummaa qaban, warra mirga Oromoof haguma xiqqoollee sagalee dhageessisan hidhaa fi ariisaan rukutuun garee Muktaar Kadir warra ajaja itti laatamu qofa fudhatanii wayyaaneef gugguufanii bulanii fi mirga ummata Oromoof falmuuf warra dantaa hin qabne  kana jabeessuuf murtii irra gahanii jiraachuu maddi oduu qabatamaa kun oduu SBOf ergeen hubachiisee jira.
Bakka sabboontota Oromoo OPDO keessaa ari’amuuf jiranii kana kan qabatu ykn bakka isaanii kan buufamu ammoo Amaarotaa fi Tigroota Afaan Oromoo dubbatan ta’uu oduun kun ni hubachiisa. Kunis murtii wayyaanee ammaan duraa kan OPDO keessatti abbaan fedhe itti miseensomuu fi hogganuu danda’a jedhu kan haaromsuu fi gadi jabeessu akka ta’es barameera

No comments:

Post a Comment