Tuesday, May 26, 2015

Sabboonaa Oromoo Obboo Giddiisaa Camadaa Caamsaa 24/2015 Loltoota Wayyaaneen Ajjeefame,Uummata Miidaa Qanyii FDG Jabaaf Kaase.

Caamsaa 26,2015 Goototni Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII guyyaa har’aa gana irraa eegaluun reeffa sabboonaa Oromoo obboo Giddiisaa Camadaa dheengaddaaCaamsaa 24,2015 loltoota Wayyaaneetiin rukutamee Hospitaalaa dhufaa jiruu daandii cufuun eegaa jiru Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII tti Waarraqsaa FDG uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Oromoo filannoo kijibaa Wayyaanee irratti gaggeessan irratti Waranni wayyaanee dhukaasee sabboonaa Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa Ajjeesee, uummatnni Guyyaa har’aa Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII Reeffa Obboo Giddisaa Camadaa daandii cufee egaagaa jiraachuun ibsame jira. Waranni wayyaanees uummata daandii Cufee sabboona ilma Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa eegaa jiruu bittinneessuuf hanga baay’ina uummata olta’uu ramadamee uummatarratti bobbafamuun ibsame jira, Haaluma Wal fakkaatuun Aanaa Calliyaa geedoo irrattis uummatni daandiitti ba’ee Reeffa sabboonaa Oromoo Obboo Giddisaa Camadaa Finfinnee hospitaalaatti sakkatta’amee deebi’aa jiruu eegaa jiraachuun wal qabatee FDG guddaan ka’uuf akka jiruufi mootummaan Wayyaanees waraana guddaa bobbaasa jiraachuun ibsame.
Yeroo amma Kanatti maanneen barnoota AANAA MIDAA QANYII keessatti argamaan sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaatti jiran Cufamanii jiraachuun ibsame jira. hojjettootni mootummaa fi daldaltootnis hojii isaanii dhaabuun sabboonaa Oromoo Obboo Giddiisaa Camadaa Eegaa jiraachuun ibsame jira.

No comments:

Post a Comment