Dinne GabrummaaCaamsa 17,2015 Godina Lixa Shaggar Mana hidhaa karlchallee Amboo keessatti tti ilmaan Oromoo bara darbee baatii Ebla 2014 keessa Sochii warraaqsaa FDG keessatti hirmaattan jedhamuun  badii tokko malee waggaa tokkoo oliif erga hidhaa keessa turani  ilmaan Oromoo 59 galmee tokko irratti himatamanii jiran keessaa  30 bilisaan gadi lakkifamaniiru.
  Dhaddachi Mana Murtii Godina lixa shaggar magaalaa Amboo  Caamsaa 15/2015 Oleen  ilmaan Oromoo yakka shororkeessuummaan himataman erga waggaa tookkoo oliif adabbii to’annoo seeraa jala turanii booda  ragaan abbaan alangaa wayyaanee dhiyeeffate sobaa ta’uu mirkaneeffatuun ilmaan Oromoo kun badii tokko malee waggaa tokkoo oliif dararamaa kan turan bilisaan gadi lakkifamuu danda’aniru.  Ilmaan Oromoo  Oromummaa yakkamuu malee balleessa tokko illee hin qabnee mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessaa jedhuun sobaan yakkee dararaa erga ture booda, abbaan alangaa wayyaanee EPRDF/TPLFn  raga tokko malee Oromoo nagaa mana isaanittii qabanii hidhatti darbuun erga waggaa tokkoo oliif, psychologically, physically fi mentally erga midhaa ture booda sobaan gochaa diinummaa uummata Oromoo irraa qabu muldhisuuf waan hidhee dararaa tureef, yeroo amma kanatti raga tokko illee irratti dhabuun ilmaan Oromoo kunneen bilisa ta’uu fi balleessa jedhamanii himatamaniif ragaan qubsaan hin jiru jechuun dhaddachi mana Murtii Amboo guyyaa kaleessa gaaffii tokko malee bilisaan akka gadhiifaman murtii kennuun yeroo amma kanatti ilmaan Oromoo kunneen gadhifamanii jiru.  Maqaa hidhamtoota ilmaan oromoo hiikaman kanneenii  :
1.       Obboo Caalaa Baayisaa
2.       Obboo Iddeessaa Magarsaa
3.       Obboo Alamayyoo Irreessoo
4.       Obboo w/Yesuus Mangashaa
5.       Dargaggoo raajii Baksuu
6.       Barataa Walabummaa Dabalee barataa Engineering  waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Adaamaa
7.       Barataa saa’uudi Jamaal barataa Yuunibarsiitii Amboo
8.       Barataa Firaa’ol Tacaanee barataa Yuunibarsiitii Amboo
9.       Barataa Abdataa Baatirii barataa yuunibarsiitii Amboo
10.   Barataa Qananiisaa Raggasaa barataa yuunibarsiitii Amboo
11.   Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa  M/bsadarkaa 1ffaa  Carii Amboo
12.   Dubaree Ayyaantuu Dagaagaa daldaltuu hucuu Aadaa Oromoo fi Fayyaa Oromoo magaalaa Amboo
13.   Barataa sanyii Cimdeessaa, barataa kolleejjii fayyaa biyyaa irraa eebbifamee hojii dhabee taa’aa ture,
14.   Dargaggoo Tasfaa Dhugaasaa
15.   Barataa Abdii(Gammachiis) Baddeessaa barataa Yuunibarsiitii Amboo
16.   Barataa Waloo(Rabbirraa) Abboomsaa
17.   Barataa Badhaasaa
18.   Dargaggoo Baabbii
19.   Barataa Abdiisaa Fajjii
20.   Dargaggoo Dajanee
21.   Dargaggoo caalaa Maandhessaa kannee keessatti argamaan ilmaan Oromoo nagaan humna Waraanaa Wayyaaneen Qe’ee fi maatii, akkasumaas barnoota isaanii irraa barattootni Oromoo ukkanfamanii hidhaan dararaa waggaa tokkoo olii erga argani dhaddachi Mana Murtii Amboo raga kijibaa/sobaa Mootummaan Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo dararaa jiru kufaa gochuun ilmaan Oromoo kun badii kan hin qabne ta’uu isaaniin bilisaan akka ghadi lakkifaman murtii dabarseen gadi lakkifamani jiru.
Qeerroon Bilisummaa Mootummaan abbaa irree Wayyaanee   beenyaa, hamilee, qaamaa fi  sammuu (psychologically)  ilmaan Oromoo kanaaf  akka beenyaa kaffalu  gadi jabeessinee gaafata.