Wednesday, May 20, 2015

Humni Waraana Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Qubate Barattoota Irratti Dhukaasee 2 Madeessuun Beekame.


Gabaasa Qeerroo Caamsaa 20,2015 Naqamte
Naqi99Bakka qubsuma isaa Yuuniverstii Wallaggaa kan godhate humni waraana federaalaa(TPLF) Naqamtetti bobbaafame uumata magaalaa ba’uu fi galuu dhorkaa jira. Waraanni Wayyaaneen guyyaa kaleessaa mooraa Yuuiversitii Wallaggaa qubate tajaajila barattootaaf ta’u irraa isaaf qoodamee  tajaajila waraanaaf jecha  nyaata,uffata,firaashii utuu hin hanbisin bulchiinsa Yuuniversitiin dhihaateefii jira.
Halkan edaa mooricha keessa deddeemuun barattoota irratti yeroo dhukaasaa bulanitti barattooti 2 akka madaawanii jiran madden gabaasu.
Yuuniverstiin Wallaggaa yeroo ammaa tajaajila barnootaa kennuu irra tajaajila waraanaaf kennan irra guddachaa jira. Kana irratti dabalees prof,Fiqaaduu Bayyanaan deggersa mootummaaf kan kennu yeroo ta’u humna qubate kana tajaajiluun kan mooraa qubachiise keessaa isa tokko yeroo ta’u yeroo ammaa kanatti Profeeser Fiqaaduu Bayyanaa kaadhimamaa Paarlaamaa Wayyaanee kan godhina baha Wallaggaa ka’uun akka kaadhimame ni beekama. Pr Fiqaaduun Waggaa darbe human federaalaatiin barattoota reeba jechuun man caccabsiise ta’un jibbiinsa jabaa uummata Oromootiif qaban agarsiisuun isaa ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment