diddaa9Caamsaa 30,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti FDG uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon Jabbaachuun Walqabatee barsiisotni
Oromoo kan keessatti argaman namootni 12 hidhamuu maddeen Qeerroo gabaasan.
Diddaan Uummataa kallattii hundaan mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti jabaachuun kan itti fufe yoo ta’uu, Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa AANAA AMMUURUU jedhamu keessatti diddaan uummata daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee guyyaa irraa gara guyyaatti raafama guddaa keessa galee jira.
Wayyaaneen gaaffii uummataaf deebii kennuu dhabuun ilmaan Uummata Oromoo qaroo biyyaa ta’an qabee hidhuu fi dararaan gochaa diinummaa isaa calaqisiisuu fudhachaa jiraachuun ibsame jira, haaluma kanaan ilmaan Oromoo kanneen barsiisotni Oromoo keessatti argaman AANAA AMMUURUU irra Caamsaa 29/2015 maqaa uummata nurratti kakasuun fincila nurratti gaggeessaa jirtu jedhamuun fi isin miseensota Qeerroo
Bilisummaa Oromooti jedhamuun qabamuun kanneen hidhaman ta’uu madden Qeerroo bilisummaa magaalaa Shaambuu irraa gabaasan.ilmaan Oromoo hidhaman kessaan kanneen maqaan nu ga’ee jiruu keessa:
1.Barsiisaa Arabuu Yaasiin
2.Barsiisaa Jireenyaa Dachee
3. Barsiisaa Gammachuu
4.Dargaggoo Garramuu Biyyansaa kanneen keessatti argamaan AANAA AMURUUtti hidhamuu maddeen keenya gabaasan.mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan warraaqsaa FDG fi bilisummaa keenya dura dhaabbatus nuti ilmaan Oromoo wareegama kamiifuu of qopheesinee mirga keenyaa fi bilisummaa keenyaa kabachiifachuuf murteeffannee kaane jirra jechuun dhaammata sabboontootni Oromoo dhaammatu