Monday, May 25, 2015

Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu Magaala Jiituu/Guyii Keessatti Sagaleen Uummataa Filatame Nama Lamaan Gurgurame,Fincillis Ka’e

Caamsaa 25,2015 Gabaasa Qeerroo HaaruuFilannoo Dhugaa Seenee Filanne Garuu Sagaleen Keenya Ni Gurgurame Jedhu Uummanni Wallaggaa Lixaa, Aanaa Haaruu Magaala Jiituu/Guyii.Gabaasa Qeerroo Magaala Guyii Irraa,Caamsaa 25/2015 Mootummaan abbaa biyyaa bulchu erga lafa jalee warra bilisummaa uummata oromoo dura dhaabbatan, maqaa Oromoo baatanii Oromoo irratti kan dhaabbatan aanjefatee booda filannoon baranaa filannoo diimokiraasii, mirga paartii barbaadu filatuu sagalee isaa mirkaneessuu, fi filannoo nagaan gaggeeffamuudha jedhee miidiyaadhaan gurra uummataa coolligsaa bahe, erga filannoon gahe nutis dhuguma filannoo diimokiraasiin keessatti dagaage seenee kaardii filannoo fudhannee filuuf hiriirre kunoo paartii haatahu jennee sagalee keenya laanne NI GURGURAME wallaggaa lixaa aanaa Haaruu magaala Guyii keessatti namoota lamaan:
  1. Zarihun Tamasgeen Tarfaasaa fi
  2. Abboomaa Magarsaatiin
Sagaleen keenya mootummaa wayyaaneetti gurgurame jechuudhaan uummanni fincila kaasee jira. namootni kun duris sabboonummaa Oromoo dura dhaabbatu, mirgi namaa isaan biratti akka yakkaatti ilaalamee mootii isaaniif gabaasa godhu, daaimmaan keenya oromummaa isaanii qabatanii guddatan diinaaf saaxiluuf kennuu irratti duulanii osoo hojjetanii
amma ammoo mootummaan filannoon kun kan diimokiraasii jedhee odeessinaan filatne garuu sagalee keenya nuuf taha jennee filannee turre wayyaaneetti gurgutan, itti bahi keenya kana akka hin taane ni beekna, filannoodhaan milkaahuun hafu Bilisummaan keenya FDGn kan milkii geessu hin hankaaktu jechuudhan uummanni jiraattotni aanaa Haruu keessatti fincila irra jira, namootni gurguddoon maanguddooliin poolisii mootumma wayyaaneen utuu doorsifamanii saa ammaa kana diddaa qabsiisanii jiru. Dhuguma FDGtu uummata oromoof bilisummaa fida!

No comments:

Post a Comment