Sunday, May 24, 2015

Gabaasa Filannoo Kijibaa Caamsaa 24/2015 Gaggeeffame Godinaa fi Yuuniversitii Garagaraa Irraa.

QeerrooFilannoo Mootummaa Wayyaanee Har’a Caamsaa 24/2015 Ilaalchisuudhaan Akkaataa Adeemsa Filinnichaa, Farra Kijiba Filannoo Ta’uun Sochii Taasifame fi Mootummichis Filannicha Sobaan Milkeessuuf Shira Xaxe.
  1. Filannoo kana milkeessuudhaaf mootummaan wayyaanee daba garagaraa qopheessaa bahe, naannoo itti milkaahee tokkollee hin qabu, filannoon silas kanuma isa filuuf qophaayeedha biyyicha keessatti kanumaanuu har’a oromiyaa keessatti filanoon gaggeeffame gara FDGtti jijjiiramee oole, mootummaan wayyaanee kana dursee waan beekuuf humni waraanaa naannoo biraa irraa kaafamee dhufee dachee oromiyaa uummata oromoo gidduu diriirfatee oole, dabaa fi shira xaxetti dabalataan humni waraanaa bobbaafamuu fi filannichuma sagalee isaa olkaasuuf waa hedduutti fayadame tokko namoota jaamaa,dadhaboo ta’an kaardii filannoo irraa fuudhee ofiin filuu, lammata baadiyaalee keessatti uummata doorsisuudhaan kaardii humnaan irraa fuudhanii of filuu fakkeenyi kanaa Harargee keessa, kan kaardii dhorkate ciree gate, dhugaadha erga isa hin fayyannee ciree gatuu qaba,kaan ammoo taajjabdoota kan ta’an walakkaa guyya buufata filannoo keessaa ariyuudhaan akka fedhanitti waan fedhan guuttachuu fakkeenyatti kan fudhatamu Qellem aanaa Anfilloo ganda Dollaa jedhamu keessatti kan raawwateedha. Sadaffaan qonnaan bulaa baadiyaa keessaa kaleessa irraa kaasuudhaan caasaan mootummaaf dhaabbatee hojjetu sun maal filatta kanniisa yoo filte tajaajila addaa mootumma irraa argatta, misoomni ni ariifata, maatiikeetti nagaa argatta, hojiin siif kennama,…. Waa hedduu ittiin jechuun gowomsuu, naannoo sodaan jirutti doorsisuma tikaan,waraanaan kaan qabanii hidhuun sa’a muraasaaf tursiisuu irratti bobbahanii hojjetaa bahan kun akeekni filannoo jedhamu sun gara FDGtti jijjiirame diddaa ka’een godina shawaa lixaa Gindabarat keessatti dhukaasni hanga uummata irrattid huka’uu deemsisu, FDG isin hin fillu jechuudhaan fuula isaanii duratti kaardii ciranii gatuu fi mootummicha arrabsuun xiqqeessuu,dhaadannoo garagara dhageessisuu Lixa shawaa aanalee garagaraa, Qellem Anfilloo aanaalee garagaraa, Finfinnee fi Godina addaa, shawaa bahaa, wallagga lixaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti itti filannoon mootummaan wayyaanee gara duddaatti jijjiirame miseensotni paartilee mormitootaas kan nu baasu diddaa gaggeessuudha jechuudhan keessattuu naannoo Iluu A/Booraa fi Jimmaa aanaalee adda addaa keessatti taajjabdootni dhiisanii bahuudhaan fincila kaasuun Filannoodhuma kijibaa kanayyuu itti milkaahuuf shirri mootummaas isa hin baasne uummanni ammas kan furmaata tahu FDG tahuu hubatee godinaalee adda addaa keessatti fincilli finiinaa jira. kun akkaataa adeemsa filannoo wayyaaneen itti gaggeeffatee fi shirri inni xaxes isa milkeessuu dadhabee uummata gara fincilaatti kaasuu walii galatti gabaasota bakkeewwan olii xuqaman irraa nu gahe ibsuudha.

No comments:

Post a Comment