Sunday, May 24, 2015

Breaking News: Camsaa 24/2015 Godinaalee Lixa Shaggari Aanawwaan Garaagaraa Keessatti Uummatni Waliin dha’insa Filalloo fakkeessii Wayyaanee Balaaleeffachuun FDG finiinse, Waranni Wayyaanees Uummata Irratti dhukaasa Bane.

Caamsaa 24,2015 Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar
 diddaa9Godina Lixaa Shaggar aanaaBaakkoo Tibbeetti Filannoon Wayyaanee Caamsaa 23/2015 halkan sa’aa 8:30 irraa eegaluun dabballootni wayyaanee ofiin of filuun  korojoo isaanitti guuttachuun walqabatee har’a ganama uummatni Oromoo Aanaa Baakkoo Tibbee buufataalee Filannoo aanichaa hundarratti ololli sobaa maqaa filannoo sobaan gurra nu duuchaa baataan nurraa dhaabbachuu qaba, Dimookiraasiin hin jiruu, filannoon gaggeeffamaa jiruu, bilisaa fi haqa qabeessa mitii, dhugaa irraa kan fagaatedha, jechuun uummatni sagalee mormii guddaa dhageesisuun filmaata wayyaanee fashaleesse jira. waranni wayyaanee sochii uummataa kana dhaabsisuuf uummata irratti akkuma amala isaanii dhukaasa banuun gabaafame.
Haaluma walfakkaatuun Aanaawwaan akka Iluu Galaan, Calliyaa, Midaa Qanyii, Daannoo, Xiiqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Jalduu, Meettaa  Roobii, Giincii fi Dandiitti filannoon wayyaanee halkan kan gaggeeffamaa bulee ta’uu maddeen keenya ibsuun Fincilli uummmmataa jabaatee itti fufee jiraachuu addeessan, yeroo amma kanatti uummatni fi waraannii wayyaanee wal jala dhaabbatee jira. Sagalee eegduun(Taajjabduun) paartii KFO bakka buufata filannootti ramadamanii waraanaan reebamanii hidhaman, baay’een isaanii immoo nannoo sana irraa reebamani arii’ataman. Baadiyyaan Aanota Godina Lixa Shaggari dirree waraanaa fakkaata, uummaatni diddaa isaa bakka hundattii iyyuu itti fufe jiraachuu ibsan maddeen keenya amma ganama kana bakkeewwan hunda irraa iyyuu qunnama jirru.

No comments:

Post a Comment