diddaa9Caamsaa 29/2015 Godina Lixa  Shaggar AANAA MIDAA QANYII tti Uummatni Oromoo  filannoo  fakkeesii fi sobaa Wayyaanee irratti dammaquun  mormii guddaan  dura dhaabbachuun FDG qabsiisan jabeessuun itti fufan. Uummatni Oromoo Qoteebulaa, Dargaggoota fi Barattootni Oromoo 160 ol ta’an jumlaan hidhaman.
 Uummatni Oromoo Godina lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII  keessatti filannoo  fakkeessii abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO maqaa dimookiraasii sobaa fi filmaata sobaa baachuun Uummata ganna 24 guutu gowwomsaa jiraate irratti dammaquun dargaggoota isaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo waliin wal ta’uun  filannoo Caamsaa 24/2015 gaggeeffame kun, Soba, waliin dhaahaa fi itti fakkeessii ta’uu Uummatni hubachuun   filmaata Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG kaachisuun  mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaa deeffachuuf qabsoo warraaqsaa FDG karaa nagaa fi dimookiraatawaa ta’een finiinse, Wareegama qaalii itti kaffalaa jiraachuun ibsame jira. Mootummaan Wayyaanees Warraaqsa FDG Uummata Oromoo fi dargaggootni Barattootni Oromoo gaggeessan kana dura dhaabbachuuf humna waraanaa guddaa fi poolisii federaalaa uummatatti bobbaasuun dhukaasee madeessaa, ajjeesaa fi hidhaa fi ukkamsee gara dabarsaa jiraachuun ibsame. Haaluma kanaan yeroo amma kanatti AANAA MIDAA QANYII Irratti uummatni Oromoo 160 olitti lakka’aman hidhamuun gabaafame jira. Kanneen hidhaman keessatti manguddootni ganna 70 olii illee kan argamaan ta’uun beekamera. Kanneen hidhaman keessa ammaf maqaa namoota muraasaa argannee jirra, isanis:
1.      Barataa Gaadisaa Bultumaa barataa kutaa 10ffaa M/B  Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa.
2.      Obboo  Guzoo Diroo  manguddoo jaarsa biyyaa umriin 70 , ganda Tulluu Umburaa
3.      Obboo Taakkalaa Hirphaa ganda Tulluu Umburaa
4.      Obboo kindee Hirphaa  ganda qotee bulaa Tulluu umburaa
5.      Obboo Dhibbaa Addunyaa  qotee bulaa
6.      Obboo Goduu Gaaddisaa ganda qotee bulaa Tulluu umburaa
7.      Obboo Abbee Caalumaa qotee bulaa,
8.      Obboo Shaanduu Tamasgeen, ganda qotee bulaa Dirree Weennii
9.      Obboo Tarfaa Iddeessaa  ganda qotee bulaa Boquu Nissoo , qabeenyaa isaanii saamamuun kan hidhaman
10.  Obboo Caalumaa Nagaraa ganda Boquu Nissoo qabeenyaa isaanii saamamuun kan hidhaman
11.  Obboo Xuuqur Birdiidaa ganda Boquu Nissoo qabeenyaa isaanii saamamuun kan hidhaman. Lakkofsa 9- 11tti kanneen argamaan maatii isaanii waliin hdhaman.
12.  Obboo Taadasaa Galmeessaa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee Umriin isaani ganna 67 kan ta’e.
13.  Obboo Dabalee Guddataa  ganda qotee bulaa Goosuu Wangee
14.  Obboo Birri’aa Disaasaa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee
15.  Obboo Tarfaa Waljirraa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee
16.  Obboo Shibbiruu Maammoo ganda qotee bulaa Goosuu Wangee
17.  Obboo Biraasaa Naggasaa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee,
18.  Obboo Gurmeessaa Namee ganda qotee bulaa Goosuu Wangee, kanneen keessatti argaman irra caalaan hidhamtoota kanaa qonnaan bultootaa fi Abbootii maatii guddaa gaggeessanii fi jaarsolii biyyaa ta’uun ibsame jira, ilmaan Oromoo kunneen hidhamuun ittumaa Uummata gara FDG tti kan jabeessee yoo ta’uu uummatni hidhaa fi du’a sodannee bara baraan abbaan irree nuti hin taphatu jechuun ummatni FDG jabeessuun itti fufe.
Kana malees Yeroo amma kanatti AANAA MIDAA QANYII keessatti Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inatti cufamanii jiru. Waajjiraaleen bulchiinsa aanaa, Qonnaa, Fayinaansii fi barnootaas hojii dhaabani jiru, haalli qabatamaan sochiin warraaqsaa Uummataa  fi qeerroon barattootni Oromoo finiinsa jiran dhugaatti karaa bilisummaa ta’uu fi akka Mootummaan biyyatti irra hin jirree saaxilee jira