Berliin 2Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa filannoo guyyaa tokko hafe milkeessuudhaaf humna qabu mara biyya keessa dhangaalaasee jira.
Miidiyaalee of harkaa qabuunis guyyaa filannoo sanatti buufata irraa fageenya tahe namni fagaachuu akka qabu dubbataa, buufatni filannoos eegumsa guddaadhaan akka eegamu mootummaan wayyaanee humna qabuu fi caasaa isaa jabeeffataa kan jiruudha. Karoora Qeerrooguddaan filannoo mootummaa buufataalee jiran hunda jeequu fi fesheleessuudha kunis Yeroo ammaa dhaabbilee barnootaa yuuniversitiilee keessatti FDG eegale filannoon akka hin adeemamneef taasifamuu eegale, FDG dura dhaabbachuufis humni mootummaa wayyaanee meeshaa barattoota nagaa irratti dhukaasuu fi boombii darbataa jiraachuu gabaasa Qeerroo garagaraa ni hubatama. Akka walii galaatti guyyaa boruu irraa eegalee Finfinnee yuuniversitii, manneen barnootaa sadarkaa garagaraa fi koollejjiwwan keessatti itti fufa. Torbee keessa jirru kana keessa
Yuuniversitiilee hunda keessatti barattootni barumsa hin barannu, bilisumma booda baranna jechuudhaan barumsa dhaabanii kan jiran Yuuniversitii Wallagga, Amboo,Finfinnee, Adaamaa, Bulee Horaa,Madda Walaabuu,Jimmaa fi Mattuu, akkasuma mana barumsaa sadarkaa garagaraatti barumsi kennamaa hin jiru.
Filanoodhaan Bilisummaa akka hin dhufne uummanni oromoo hunduu kan beekuudha. Paartileen mormitootaa yeroo ammaa Filannoodhaan injifanna, filannoodhaan uummata Oromoo bilisa baasna jedhanii lafa dhiitan shira mootummaan wayyaanee bara isaanii guutuu irratti xaxaa bahe xiinxilanii baruu dadhabuun filannoodhaan akka injifannoon dhufuutti lafti nun gahin jedhu, caasaan paartiwwan kanneen akka OFC keessa
jiran gara FDGtti luucca’uudhaan furmaanni diddaa jabeessuun tahuu hubatanii Filannoo wayyaanee jeequu irratti bobbahaa jiru, keessattuu dargaggooni guyyaa filannoo sanatti buufataalee jiran hunda jeequu, fincila kaasuun filannoon akka hin gaggeeffamne irratti qophayanii jiru.
Buufata Filannoo hunda jeequu fi fincila kaasuun furmaata ta’uu irraa kan hafe filanoodhaan mootummaan wayyaanee aangoo gadhiisuu akka hindandeenye hubatamee amma FDG eegale kun itti fufaa jira. Sodaa kanaan uummata sabboontota oromoo hedduu mana hidhaatti guuruu eegaltee jirti kun furmaata hin tahu, uummanni oromoos hidhamuun ajeefamuunis qabsoo keenyarra boodatti nun deebisu jedhee diddaa jabeessee jira.