Thursday, May 28, 2015

http://qeerroo.org/2015/05/28/goototni-qeerroon-barattootni-oromoo-yuniversitii-mattuu-warraaqsaa-fdg-jabeessuun-itti-fufan-mootummaan-wayyaanee-humna-waraanaa-guddaa-mooraa-yuunivarsiitiitti-olgalchee-barattoota-reebaa-jira/

Caamsaa 27,2015 Mattuu
IMG_20150507_150925-1Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Warraqsaa FDG jabeessuun itti fufan, Waraannii mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu seenee barattoota goolaa jira. Barattootni Mooraa Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara uummaata magaalaa Mattuu fi naannawaa Yuunivarsiitii mattuutti makaman, Waraannii guddaan mootummaan Wayyaanee barattoota irratti bobbaase mooraa Yuunibarsiitii mattuu irratti waraana banuun dhukaasa gurguddatu dhaga’ama jira. meeshaa gaazii summaa’aa nama boosisuu barattoota irratti dhukaasuun barattoota hedduu ukkamsuun hidhaatti guuraa jiru, barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa fi dimookiraasii waan gaafataniif hedduun reebamani, hedduun hidhaatti ukkanfamaa jiru.
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guyyaa har’aa kanas warraaqsaa FDG kaleessa galgala eegalaan jabeessuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Waranni Wayyaanee baay’ina barattoota Yuunivarsiitii Mattuu ol ta’uu mooraa Yuunibarsiitichaa waan seeneef barattootni iyya guddaa kaasuun mooraa gadhiisanii gara uummata Magaalaa Mattuu fi naannoo Yuunibarsiitii Mattuutti makatan. Waranni Wayyaanee immoo mooraa Yuunibarsiitii to’achuun mooraa Yuunibarsiitii mattuu dirree liinjii waraanaa fakkeesse goolii uumee jira.

No comments:

Post a Comment