Thursday, May 21, 2015

Dargaggoonni Oromoo Godina Lixa Sahggar Aanaa Daawwoo Keessaa Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 21,2015
Anaa shaggarMootumman Abbaa Irree Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti kan daraan itti fufe yoo ta’uu gaafa Caamsaa 01,2015 dargaggoo Tamasgeen Asheetee Godina lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti police ergaa ukkamfamee daraara waajjira police aanaa Daawoo ti kan irraa gaha ture yoo ta’uu guyyaa kaleessa Caamsaa 20,2015  manni murtii aanichaa yakka irraa bilisa jedhu illee Seeruma ofii baasan iyyuu kan hin kabajnee abbaan irree mootumma wayyaanee dargaggoo kana baasuu diduun bakka hin beekkamnetti akka geessan oduun nu gahee jira.

No comments:

Post a Comment