Wednesday, May 29, 2013

Guyyaan Gootota Oromoo Magaala Washington DCtti Sirna Howaan Kabajame

Suuraa-Guyyaa-Goototaa-2Guyyaan Goototaa Jimaata Ebla 26, 2013 magaala guddoo Ameriika, Washington DCtti sirna ho’aan kabajamee ooleera. Guyyaa kanatti keessummaa kabajaa ta’ani kan dhufan New York irraa J/ Ibsaa Ahmed, Mootummoota Wal-ta’aniitti bakka bu’aa ABO, J/Lubee Birruu, Dura ta’aa Gumii fi miseensi koree ULFO akkasumas J/Abarraa Tafarra, Itti gaafatamaa ULFO Ameerikaa Kaabaa yoo ta’an, Keessummooti kabajaa kunneen wal-duraa duubaan hasawaa godhaniin barbaachisummaa kabaja guyyaa Gootota Oromoof kaayyoo BILISUMMAA, seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, bu’aa-bahii QBO keessa lufe, injifannoolee argamaniif akkasumas guyyuma kana illee kabajatuuf kan nu dandeeysise haarsaalee qaqqaalii goototi Oromoo heedduun kafalan irratti ibsaa bal’aa fi gahaa ta’e kennuu irrayyuu mooyixannoo qabsoo isaaniis dhaloota haaraatiif hiranii jiru.

No comments:

Post a Comment