Saturday, May 4, 2013

Siyaasa gantummaa fi gartummaa to’achuun tokkummaa moraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) dhugoomsa

Zakaariyaas Mulataa fi Malkamuu Jaatee | Caamsaa 2013, Oromiyaa

Seensa
Umamaan ummati Oromoo tokkicha ta’uun ni beekama, sababii ummati Oromoo afaan tokkicha, senaa fi aadaa baroota dheraaf walitti jiru, fi tessuma lafaa waliqabatee irra jiratuuf. Kanafuu ummati Oromoo, akkuma saboota adunyaa kana kessa jiranii, sab-lamummaa (enyummaa) umameef safeefachun tokkomee baroota dheraaf walii wajjin jiraate. Garuu ummati Oromoo akkuma ummatoota adda addaa dhaloota latiinsa sanyii, tessuma lafaa, ilaalcha waaqefannaa, hawaasummaa, fi kkf maraan gosoota heddutti adda ni qodaama. Qodumsi seera umamaa fi dhalotaa hundeefate kun rakkina fidee hin qabu.
QBO deggeruudhaaf garaagarummaa jirutti sirnaan fayyadamuudhaan hojii QBO deggeruu fi milkessun ni barbaachisa. Barruun kun odeefannoo barruu Adolessa 2011 mata duree “Qabsoo bilisummaa Oromoo takaalu kessatti qooda siyaasa gantummaa fi gartummaa” jedhamuun maxanfame irratti hundaawa. Kayyoon barruu kanaas gaafilee armaan gadii sadan xinxaluuf. Hubachuuf barresaan barruu kanaa hayyuu siyaasaa fi Seenaa Oromoo miti. Garuu seenaa siyaasa QBO arguu, dhaggefachuu, fi dubbisuu irraan barataa jira.

No comments:

Post a Comment