Wednesday, May 15, 2013

Irreecha Arfaasaa Jimmaatti Gaafaa Caamsaa 12, 2013 Kabajame


Irreecha Arfaasaa Jimmaatti Gaafaa Caamsaa 12, 2013 Kabajame


Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 12,2013
Sagantaan kabajaa Ayyaanaa Irreechaa kunis akkuma beekamuu kadhannaa Waaqaa Jaarsooliin Oromoo akka hangafummaa isaaniitti caarraa Gadaa fi hangafummaa hedachaa jalqaba irraatti kadhaa waaqaan egalamee, sirnna kadhannaa waqaa manguddootni Oromoo yeroo gaggeessaan ” Hayyee yaa Waaq nu dhaga’ii , kan hidhamee nuu hiikii, kan biyyaa ba’ee biyyaattii nu deebiisii, mirgaa nuf keennii, biyyaa kan abbaa biyyaa godhii, tokkummaa fi jaalaalaa Oromummaa keenyaan waliitti nu jaalaadhuu Oromoo tokkoo godhii,” jedhuu fi kkf jechuun egalan, Ayyaanaa kanaa Ilaalchiisuun Ijoolleen Oromoo godinaalee Oromiyaa garaaaraa irraa dhufuun irraatti argamuun midhaginaa Ayyaanichaa akka malee dabaluun kabajachaa oolaan, Ayyaanaa Irreechaa kana irraatti Ummaannii Oromoo Kumatamaan lakka’amuu argamuun kabajataan, Ayyaanaa Irreecaa kana ilaalchisuu Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa poolisotaa isaa heddumminaan bobbaasee jeequuf sodaachiisuuf yaalii guddaa taasisuuyyuu uummaannii Oromoo keessaattuu dargaggoonni Oromoo tokkummaa fi gootummaan duraa dhaabbaachuun eenyuummaa fi maalummaa Oromoo dinaatti argisiisaan, utumaa basaastootnii abbaa irree fi poolisonnii abbaa irree lafa dhiphiisanii Qeerroon dargaggoonnii Oromoo WBO boonnaa, ABO boonnaa, Leencaa boonnaa, Qeerroo boonnaa Oromiyaa boonnaa, Tokkuummaa boonnaa, Oromoo fi Oromummaa boonnaa jechuun diinaa isaan duraa dhaabbaachuuf baatee aafan qabachiisaan.
Kana malees walleen warraaqsaa kanneen akkaa sirbotaa Eebbisaa Adduunyaa, Hirphaa Gaanurree, Haayiluu Kitaabaa, fi sirboonnii akka Kormaa guduruu Oromoon, ABO’n, Qeerroon, WBO’n leencumaa duruu jechuun hanga dinnii ilmaan Oromoo fi firrii Ilmaan Oromoo dhaga’ee ajaa’ibsiifatuttii guutummaa magalaa Jimmaa keessaa naannaa’uun Warraaqsaa gageeffaatan garbummaa balaaleeffaatan bilisummaa leelliffatani. addaatti immoo basastotaa maqaa ishee waamuun balaleeffatan.
Barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa sarbamuu mirga namommaa fi dimookiraasii, sarbamuu mirga amantii fi
kkf of irraa qaban haalaa dhugaa Oromoo fi mirga Oromoo kabachiisuun danda’amuun barreefaamanii guutummaa goodinaa jimmaa keessaa keessaattuu magalaa jimmaa keessaatti bittinneeffaaman, kana ilaalchiisuun gabaasa dabalataa qabnu keessaatti n dhiyeessina.
Sochii uummataa Oromoo kanaa irraa ka’uun mootummaan abbaa irree wayyaanee kan biyyattii keessaatti mirga dhala namaa,mirga dimookiraasii, mirga amantaa Waqeeffaannaa sarbee umrii angoo isaa dheereffaachuuf jiraatu, dhiphinaa keessaa seenuun oliif gadii rafamuun uumataa gooluuf yaaliin godhamaa turee tokkuummaa qeerroo dargoggootaa Oromootiin fashalaa’e, uummaannii Oromoo ifaan ifaattii tokkuummaa isaa jabeeffaatee diinaa fi gantootaa isaatti eenyummaa isaa argisiifachuun, haala baayee miidhagaa fi simboo qabeessaa ta’een ayyaannii irreechaa Arfasaa Tulluu Beegiitti kabame.
—-
Caamsaa 11/2013 Jalbultiin ayyaanaa Irreechaa baratootaa fi barsiisota Oromoo Yuunivarsiitii fi Kolleejjii Jimmaa, Ummataa Oromoo godina Jimmaa fi hordoftoota amantaa Waaqqeffaannaatiin egaalamee jira.
Jalbultii ayyaana Irreechaa Arfaasaa kana irraatti Ummaannii Oromoo walitti dhufuun malkaa Deeddeetti walgauun arfaasaan akka nuuf qajeelu Oromoon waan hojjetu hundaan milkoomee abbaa milkie ta’uuf hoolaa mudaa hin qabnee Korbeessaa wareeguun aadaa fi duudha Oromoo ibsanii jiru.
Ummanni Oromoo irree gabroomfataa injifatee abbaa biyyaa akka tauuf irreechi arfaasaa kadhataa fi himmimmaan haadha hiyyeessa Oromoo dhageessee qabsoo inni itti jiru akka milkaawu kadhaan gamtoominaan deemee jira.
Jalbutii kana yeroo egaalamutti barnootni seenaa haala amantii Oromoo, seenaa Oromoo fi tokkummaa Oromoo jabeessuu Barsiisotaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii barsiisota Jimmaan kenname. Hayyoonnii Oromoo tokko tokkoo dabaree dabareedhaan Oromummaa Jabaassuu fi jaalaalaa Oromummaan wal tiksuu bu’aa Oromummaa
tiksuu irraattii ergaa garagaraa Uummataaf dabarsaan. Gama biraan ayyaanaa kana sababeeffaachuun Ummannii fi Qeerroowwaan sabboontotni Oromoo godinaalee garagaraa irraa maagaalaa Jimmaa gala jiraachuun ibsamera. egaa Ayyaannii Irreechaa guutummaan isaa ammo guyyaa boruu Caamsaa 12/2013 Godina Jimmaa Tuulluu Beegiitti kabajaamee oola.
–Qeerroo.org

No comments:

Post a Comment