Friday, May 31, 2013

Kabaja Ayyaana Wayyaanotaa Caamsaan 20 Oromiyaa Godinoota Adda Addaa Keessatti Duradhabbannaa Uummataan Milkii Dhabe

Caamsaa 31,2013 Finfinnee

Godina Wallaggaa Naqamte ,Camsaa 20 Ilaalchiisuun Oromiyaa bakkota garaagarattii, Ummaannii mormii sirna abbaa irree Wayyaaneef qabuu bifa garaagaraan
agarsiisuun, diddaa isaa mul’ifachaa jira. Haaluma kanaan Mootummaan Wayyaanee karaa ergamtootaa isaa ayyaanaa Caamsaa 20, Oromiyaa Magaalaa Neqemteetti kabajachuuf akkuma karoorfateen kabajuuf socho’aa jirtutti mormiin bifa garaagaraan isa mudachuun beekame.
Ergamtootni Wayyaanee hoggaantotni OPDO jilli Alamaayyoo Atoomsaa, Abbaa Duulaa Gammadaa fi Asteer Maammootiin hogganamuu Ayyaanaa Caamsaa 20 kabajuuf humnotaa waraanaa Wayyaanee Agaazota of fuulduraa qabuun Magaalaa Neqemtee Seenuun Simannaa Ummataa nama tokkoo illee dhabuun Uummaanni akka farra Oromiyaa ergamaa diinaa ta’uu isaanii hubachuu hanaga Yaa Goobanaa suma nyaata leenyi bosonaa jechuun irratti sirbaa turan.
Jalbultii Ayyaana Wayyaanotaa kana sababeeffaachuun sabboontotni Qeerroon barsiisotaa fi baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Wallaaggaa barruulee warraaqsaa kan gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa Uummataa Oromoo of irraa qabuu, Mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa fi magaalaa Neqemtee keessaatti maxxanfamuu fi uummataa dursanii rabsuun akka uummaanii kabaja guyyaa dhalotaa OPDO kanaafi ayyaana Wayyaanotaa kana irraatti hin argamne taasisee jira.Hala kana irraa diddaan guddaan uummata irraa isaan mudachuun Wayyaanonni salphifamanii jiru. yeroo ammaa kana Magaalaan Neqemtee humna waraana Agaazii wayyaanotaan marfamtee egaamaa jiraachuu fi Mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa fi Magaalaa Neqemteetti Sakkata’insaa cimaatu gaggeeffaama jira.
Godina Iluu Abbaa Booraa bakkotaa garaagaraatti guyyaa ayyaana Wayyaanotaa Caamsaa 20 kana sabbontotni ilmaan Oromoo madhee garaagaraa jalatti ijaaramani jiran waliitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti marii gochaa olanii jiru, Ummaannii Oromoo godinichas ayyaanichaa ilaalchiisuun walgaga’ii karaa lukkeelee Wayyaanee darba ture hin fudhannuu nu hin ilaallatuu jechuun walga’ii Wayyaanotaa lagachuun guyyiichaa gaddaa guddaan dabarsuu sabboontotni Oromoo gabaasu.
Godina Jimmaa  keessatti warraaqsii FDG qeerroon gaggeeffaamaa jiruu fi tokkummaan dargaggotaa baratootaa fi barsiistota Oromoo daran
jabaachuun ilmaan Oromoo diinaa jala fiigan illee ofiitti hawwaachuun mootummaa abbaa irree yaaddoo keessaa galchee jira, godina jImmaatti Sodaa Sochii warraaqsaa Qeerroo ykn Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi sochii ummataa irraa ka’uun Wayyaaneen Camsaa 20 utuu hin kabajatiin olanii jiru. Kana malees baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa miseensonnii OPDO guyyaa ayyaanaa wayyaanotaa fi dhalotaa OPDO’kana ibsa qabxii shan of keessaa qabuu baafachuun guutummaatti miseensuummaa OPDO dhabuun, gara sochii warraaqsaa Qeerroo bilisummaatti makamuu beeksifachuun wayyanotaa garaa kutaanii OPDO immoo dugda kutaanii jiru. Ammas Qeerroon sochii tokkummaa uummataa Oromoo jabeessuun Ilmaan Oromoo gaaddisaa tokkoo jalatti walittii qabuun FDG egalamee jiruu jabeessuun itti fufee jira.
Godina Lixaa Shawaa keessattitti Mootummaan Wayyaanee Caamsaa 20 sababbeeffaachuun , sodaan guutamtee Aanotaa garaagaraa keessaatti poolisotaa ishee bobbaasuun eeggichaa fi sakkata’insa gaggeessuun gabafamee jira. haala kanaan caamsaa 27/2013 magaalaan Amboo humna waraanaa Wayyaaneen egaama kan turtee ta’uun gabaafamee jira, Aanota akka Calliiyaa Geedoo, Midaa Qaanyii, Ijaajjii, Bakkoo, Daannoo, Xiiquur Hinciinii, Gudar, Jalduu, Meettaa Roobii, Giincii, Gindaberat fa’itti uummatuma karaa deemuu wayyaaneen dhaabdee sakkata’aa kan turtee ta’uu odeessii nu qaqqaba jiruu ifaa godhee jira. Ummaannii Oromoos guyyaan kun nuf guyyaa gaddaati malee guyyaa gammaachuu miti, bara dargiin 1ffaa nurraa bu’ee dargiin dargii caaluu dargiin abbaan irree lammafaa biyyaa nurraa fudhatee, ilmaan keenyaa mana barumsaatti miidhuun,kan barnotaa irraa arii’ee, qe’ee irraa qabee nu hidhee, qabeenyaa keenyaa lafaa qee’ee keenyaa irraa nu buqqisee faranjotaatti gurguruun jiruu fi jireenya gadadoo keessaatti nu kuffisee, ilmaan Oromoo kan biyyaa irraa arii’atee,fi bara afaan qawweetiin bitamnee ta’uu seenaan hin dagatuu, jechuun guyyaa kanaa uummaannii hala walfakkatuun gaddaa fi Arii fi jibbinsaa wayyaanee irraa qabuu mul’ifachuuf walga’ii wayyaanotaa gutummaatti lagaachuun mormii Wayyaaneef qaban mul’ifatanii jiraachuu gabaasaan keenyaa bakkotaa garaagaraa nu qaqqaban ibsanii jiru.
Godina Harargee, Haromaayaa keessatti guyyaa Caamsaa 20, diddaa gaaffii mirga lafaa fi eenyummaa ummanni kaaseen wal qabatee ayyaanni Wayyaanotaa akka barbaadanitti kabajamuu hanqachuun milishoota gandaa fi dabballoota OPDO kan garaa gube ta’uu gabaasaan qeerroo naannichaa irraa nu gahe addeessa.
Gabaasaa godinoota gara garaa kaanii akka nu dhaqabeen dabarsina.

No comments:

Post a Comment