Friday, May 3, 2013

Qoophii Dargaggoota Oromoo Phoenix GGO 2013

Caamsaa 3, 2013
Darggaggoonni Phoenix Qophii Addaa Gaafa Eebila 27,2013 Qoopheessan irratti Kabaja Guyyaa Gootota Oromoof Qaban Haala Qindaaheen Ibsatan.
Ebla 27 bara 2013 waamicha “Waldaa Darggaaggota Oromoo” Phoenix, Haawaasa Oromoo Ariizonnaa keessa jiraatan hundaaf godhaniin bakka Ummanni heedduminaan argameeti magaalaa Phyiinics keessati sagantaa haalaan qindaawe gaggeeffatan. Sagantaan kuun eebba maanguuddootaan  banamee; faaruu Tokkummaa, Tokkummaa yaa ilman Oromoo Tokkummaa jedhuun itti aanaamee; san booda Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo yeroo jalqabaatiif Hawaasa Oromoo Ariizonnaa jiraatanin sirna dammaqqinaa fi hoo’aadhaan ayyaaneffatame.
Guyyaa seena qabeessa kana Oromoon heedduminaan walittii dhufuudhaan waayee gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhanii wareggaman qoophii addaa addaatin kan akka “Draama, Walaaloo, Shubbisaa fi Dhiichisaa, akkasuumas haasawaa miseensoota waldaa sanaan godhameen haala barreedaatiin kabajamee olee.
Walgahiin eebba manguddoon erga eegalameen booda miseensi waldaa kanaa kan ta’ee darggaggoo Muusaa Daawud guyyaan goototaa maalif akka kabajamu, Ebli 15 attamiti guyyaa goototaa jedhamee akka labsame, warreegama qaqqali kafalame, kaayyoo warreegamni itti kafalamee fi kafalamaa jiruu, akkasumas jecha Maammo Mazamiir “Qabsahaan Kufus Qabsoon Ittii Fufa” fi “Yaadannon Gootota Oromoo Bara Baraan Jiraata” jedhun ibsii ga’aan kenname. Kanatti aansuun Walaloon darggaggoo Musaa  fi darggaggoo Abdiisaa ttiin dubbiffamee haammilee Oromoota sagantaa kana irratii argaman kan mirqaansee turee. Diraaman darggaggootaan qophaa’ee ummataf dhiyaate barumsa gaari kan kenne ture
Bifa kanaan, sirba goototaa fi tokkummaa Oromoo faarsuu wallisaa Mohammad Sheekaa tiin dhiyyatee akka gaarittii gegeefamaa oolee injifatnon xumuraamu irra darbee tarkanfii booriifis waliti-dhufeenyaa Hawwaasa Oromoo Ariizonaatif karaa kan saaqe ture.
Qabsahaan Kufus Qabsoon Ittii Fufa!!!
Yaadannon Gootota Oromoo Bara Baraan Jiraata!!!
Injiifannon Ummatta Oromoof!
Galatoomaa!!!
Musa Dawud

No comments:

Post a Comment