Tuesday, May 21, 2013

Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti , Miidiyaalee walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo irratti dubbachuu eegalan keessaa “sagaleen Bilisummaa Oromoo” isa Angafaa ta’uu seenaan ragaa ba’a. Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti , Qabsoon Ilmaan Oromoo bifa gara garaan gaggeeffamaa ture, bifa gurmaa’iinaan akka gaggeeffamu taasisuuf ABOn ijaaramuun haqa. ABOn, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf ykn Ummati Oromoo Biyya isaa qawween saamame, wareegama kafalee Birmadummaa Oromiyaa kabachiisuuf “waraana Bilisummaa Oromoo” akkuma gadi dhaabe, Ummata Oromoo sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hirmaachiisuuf, waggaa 25n har’aa Sagalee Bilisummaa Oromoo yk SBO gadi dhaabe.

SBOn, Sagalee Ummata Oromooti!

Y,G(2005)  |  Caamsaa 21, 2013
Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti , SBOn bakka ol aanaa qabaachuu isaa kan haalu yoo jiraate, diina kufaatii Ummata Oromoo kan hawwu qofaadha. Seenaan yoomillee seenaadha. Seenaa kana keessatti, warri seenaa hojjatan , seenaa Ummata sanaa keessatti , bara baraaf yaadatamaa fi waamamaa jiraatu. Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti , SBOn , sagalee Ummata Oromoo ta’ee ,mirgaa fi haqa Ummati Oromoo Biyya abbaa isaa irratti qabaachuu qabu Ummaticha barsiisuu irra taree, Sirnoonni dhufaa dabraan miidhaa Ummata Oromoo Irraan ga’an , Addunyaan akka hubattu taasisuu keessatti qooda ol aanaa gumaachuu, ragaa tarrisuun hin barbaachisu.
Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti , Miidiyaalee walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo irratti dubbachuu eegalan keessaa “sagaleen Bilisummaa Oromoo” isa Angafaa ta’uu seenaan ragaa ba’a. Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti , Qabsoon Ilmaan Oromoo bifa gara garaan gaggeeffamaa ture, bifa gurmaa’iinaan akka gaggeeffamu taasisuuf ABOn ijaaramuun haqa. ABOn, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf ykn Ummati Oromoo Biyya isaa qawween saamame, wareegama kafalee Birmadummaa Oromiyaa kabachiisuuf “waraana Bilisummaa Oromoo” akkuma gadi dhaabe, Ummata Oromoo sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hirmaachiisuuf, waggaa 25n har’aa Sagalee Bilisummaa Oromoo yk SBO gadi dhaabe.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo waggoota 25n dabran keessatti maalfaa hojjate ? jennee akka ragaatti waan hojjate dhiheessuun yeroo gubuu qofa ta’a. garuu Hojiilee seenaan hin daganne hojjachuu isaaf raga gabaabaa kaa’uun ni danda’ama. Innis Ummatichi Qabsoo Sabichaa keessatti qooda inni gumaachaa jiru ilaaluun ga’aadha. SBOn bara dargii wayita eegalu, Ummati Oromoo mana mana isaatti dhoksaan dhaggeeffachaa turuu, eenyu iyyuu jalaa dhokataa miti. Har’as seenaan kun hin jijjiramne.
Qabsoon Ummata Oromoo sirnoota hundaaf yaaddoo akkuma ta’e, SBOnis, mootootii Itoophiyaa hundaaf yaaddoodha. Yaaddoo waan ta’eefis, ummatichi akka hin dhaggeffanneef jedhamee. har’a Doolaara miliyoonaan lakkaa’amu dhangalaasanii, teekinolojii hammayyaan Ukkaamsuuf yaaluun, bu’aa SBOf raga guddaadha.
Adeemsa Sagalee Bilisummaa Oromoo waggaa 25 keessatti , bu’aa ba’ii keessa dabrame seenaan nu kaa’ee yoo kaafne , dubbannee kan xumurru miti. “Sagaleen Bilisummaa Oromoo” Gootoonni Oromoo har’a maqaa tarrifnee dubbachuu dandeenyu , wareegama qaamaa , qalbii fi jireenyaa kafalaniin har’a ga’eera . kaayyoo SBOn kaleessa itti banameef inni duraa Ummata dammaqisuudha. Adeemsa isaa waggaa 25 kana keessatti gama Ummata barsiisuun, haalaan itti milkaa’uu isaaf, ragaalee hedduu kaasuu dandeenya. Dhaloota kaleessa qabsoo Oromoo hundeessee fi dhaloota har’aa qabsoo abbootii isaa finiinsuuf of laate uumu keessatti, SBOn qooda ol aanaa gumaachee jira. Addatti , waggoota 21 dabran kana ABOn humnaan ega chaartara keessaa ba’en booda, Ummati Oromoo abdii osoo hin kutannee , qabsoo isaa akka itti fufu taasisuu keessatti SBOn gumaacha ol-aanaa qaba.
kanaaf ragaan qalbii Ummata Oromoo gama siyaasaan jiru kaasuun ni danda’ama. Har’a Ummatichi Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo odoo hin eeggannee, ofii gurmaa’ee diina irratti tarkaanfii gara garaa fudhachuun , diina rifaasisaa jiraachuu qofaa odoo hin taane, injifannoo galmeessise kana karaa Sagalee Bilisummaa Oromoo akka gurra Ummatichaa ga’uuf ergachaa jiraachuun isaa, SBOn , Sagalee Ummata Oromoo ta’uu isaaf ragaa qabatamaadha. Galiin SBO Bilisummaa Ummata Oromoo garuu har’allee adeemsa irra jira. SBOnis har’a kan yeroo kami irra caalaa shiroota diinaa kumaantama isa mudatan keessaan , kaayyoo isaa galmaan ga’uuf, Ilmaan Oromoo muratoo ta’aniin tamsa’aa jira.
SBO adeemsa isaa waggaa 25 kana keessatti bu’aa ba’iin keessa dabre, salphaa miti. SBO dhabamsiisuuf shiroonni gaggeeffaman, lakkoofsa hin qaban. Adda durummaan , Sirnoonni itoophiyaa SBO dhabamsiisuuf shirri gaggeessan haalaan jabaadha. Itti aansee Biyyoonni ollaa , sirnoota Itoophiyaa Bulchaniin wal ta’anii miidhaan dhaqabsiisan , boruu seenaan kan dubbatuudha. Sadarkaa 3ffaa irratti, Ilmaan Oromoo dantaa ofiin ykn diinaan gawwamfamanii yeroo adda addaa SBO laamsheessuu keessatti dogoggoora seenaan boriif keesse hedduu raawwatan.
Wayyaaneen Qabsoo Ummata Oromoo bara baraaf dhabamsiisuuf, humnaanis ta’u hojiilee Dippilomaasiin , tattaaffii kana hin jedhamne taasiftee jirti, ammallee itti fufteetti. Wayyaaneen qabsoo sabichaa Galmee seenaa qabsoo sabootaa Addunyaa keessaa haqsiiftee, kan “Gooleessitootaa” keessa galchuuf , Doolaaraa Biliyoonaan dhangalaasuu , addunyaatu raga ba’a. akkasuma SBO ukkaamsuuf mootummaa chaayinaa irraa Doolaara Miliyoona 100 oliin, taakinolojii haaraa Biyya keessa dhaabsiisuu , waan ifatti argaa jirrudha. Kana malees, Biyyoonni ollaas ta’ee, kanneen fagoo jiran SBOf akka bakka hin laannee taasisuuf hojiileen Dippilomaasii hojjataman hedduudha. Biyyoota ollaan wal ta’anii , ABOf bakka akka hin laannee taasisuun SBOs dhabamsiisuuf hedduu ifaajjan.
Kan diinni Qabsoo Oromoo irratti hojjateen qixa, warri galfata seenaa Jaallawwan isaanii nyaatanis, SBO gufachiisuu keesstti qooda xurii seenaa ni qaban. Addatti ABOn humna dhabee SBO akka dhiisuuf shirri gama dinagdee dhaabaa laamsheessuu keessatti, Dogoggorri seenaa hojjatame salphaa miti. Ilmaan Oromoo seenaan bor isaan himattu kunneen , ABO ummata irraa adda baasuu keessatti qooda mataa isaanii gumaachanii jiran. Wayyaaneen SBO cufsiisuuf ifaajjii akkuma taasiftu, warri xurii seenaas, ABO Ummata irraa adda baasuuf , SBOn cufamu qaba jedhanii Biyyoota olla jilbeenfatanii kadhataniiru. Kun ragaa waliin seenaan dhalootaaf keessee jirti.
SBOn waggaa 25 booda maaliif hin babal’annee ? humna ga’aa maaf hin qabaanne ? guutummaatti Ummata bira hin ga’uu yk humna hin qabuu, maaliif hin fooyyofnee ? gaaffiileen jedhan ka’uu ni malan. Gaaffiilee kana qaamni haalu jiraachuu hin danda’u. dhaabni Qabsoo sabichaa hundeesse , humni SBO amma irra jiru ga’aadha jedhee kan fudhatu natti hin fakkaatu . miidiyaan adeemsa qabsoo saba tokko keessatti bu’aa inni qabu, Maanguddoonni keenya kan wallaaln natti hin fakkaatu. namnis ta’ee humni waan kana adda baafatee hubachuu barbaade, waan Qabsoon Oromoo keessa dabarte akka gaaritti yoo gilgaale deebii quubsaa argachuu danda’a. shirri keessaa alaan Dhaabas ta’ee SBO irratti hojjatame namni qalbeeffate , SBOn har’a ga’uu isaa dinqisiifata. Hanqinni hin jiru jechuu miti. Hanqinni jira jechuuf, ani waan kun akka milkaa’uuf qooda Oromummaa maalin gumaachee ? jedhanii of gaafachuun dursa argachuu qabaafan jedhe.
Seenaan seenaadha. Namni seenaatti amanu hanga jirutti , seenaan inuma itti fufa. Seenaan SBO waggaa 25f waliitti aansee gaggeeffamaa jiru ammallee itti fufa. Qoodi miidiyaa Qabsoo Addunyaa keenya keessatti argaa fi dhaga’aa guddanne, kan Oromoo irra ga’ee hin dhaabbatu. Bu’aa ba’ii isaan argan, nuutis argaa jirra. Cichoomiinaan akkuma keesssa dabranii milkaa’aan nuutis ni milkoofna. Isaan , jabaatanii – laafatanii deebi’anii jabaatanii milkaa’aniiru. Adeemsi kun nurra ga’ee hin dhaabbatu . nuutis jabaannee – laafannee deebinee jabaannee ni moona. SBOnis akkasuma . yoo xiqqaate , SBOn , Sagalee Ummata Oromoo ta’uu irra ga’uun isaa , hegaree Oromoof hundee ta’uu isaa mirkaneessa. Warri laafatan inuma harca’u. warri obsa dhabes, inuma micciiramu. Warri muratoon garuu itti fufu !!!!!!!!!!! kun seera UMAMAATII .

No comments:

Post a Comment