Wednesday, May 8, 2013

WBOn Haleellaa Isaa Itti Fufuun Tarkaanfii Jabeesse

(Madda Oduu ABO/MOA Camsaa 1, 2013)

WBO Baha Oromiyaa

Humni addaa WBO Harargee Dhihaa keessa sosso'u tarkaanfiin diina irratti fudhatu jabeessuun Ebla 24, 2013 harargee Dhihaa bakka Gujee jedhamutti diina haleelee 7 irraa ajjeesuun 5 madeessuu ajajni WBO Harargee Dhihaa beeksise. Kana malees guyyuma kana Hararge dhihaa Ona Mi'eessoo magaalaa Asabootitti lukkee diinaa irratti tarkaanfii fudhatuun adabee jira. Lukkee diinaa tahuun kan ummata rakkisaa ture Rahmatoo tarkaanfiin maayyii kun osoo irratti hin fudhatamiin duratti gochaa ummata Oromoo miidhu raawwataa ture irraa akka dhaabbatu gorsii fi dinniinni kennamaafii turee ajaji godinichaa dabalataan hubachiiseera.

Gama biraan humni addaa WBO Harargee Dhihaa Ebla 25, 2013 naannoo Mulluu fi Mi'eessoo gidduu bakka Ciqirtii jedhamutti humna mootummaan Wayyaanee waraana isaa keessaa kanneen Afaan Somaalee dubbatan filuudhaan ummata Oromoo hidhannoo hiikkachiisuuf bobbaaftee turte irratti lola bane tokko irraa ajjeesuun kanneen lakkoobsi hin beekamne madeessuun akeeka ummata Oromoo hidhannoo hiikkachiisuu naannoo kanaa fashalsee jira. Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana ummata Oromoo meeshaa isaa hiikkachiisuu karooraan qabattee bal'inaan kan itti jirtu tahuu ajajni WBO Godinaa Harargee Dhihaa hubachiisa.

WBO Dhiha Oromiyaa

Humni addaa WBO Godina Wallagga Bahaa keessa sosso'u humna diinaa haxxee hidhuun WBO eeggataa ture duuba irraan marsee haleeluun loltoota 8 kan ajajaan humnichaa Baqqalaa Yohannis jedhamu keessatti argamu battalumatti ajjeesuun hedduu madeessuu ajaji WBO Godinaa Baha Wallaggaa beeksise. Tarkaanfiin Ebla 27, 2013 humna addaa WBO Abdii ummataan diina irratti fudhatame kun Godina Baha Wallaggaa bakka Darbaa bishaan Dhidheessaa jedhamee beekamutii tahuu kan hubachiise ajajni WBO Godinichaa bakki lolaa kun bakka Godinaaleen Bahaa fi Dhiha Wallaggaa akkasumas Bulochiinsi naannoo Benishangul itti wal daangeessan tahuu dabalee hubachiisee jira.

Humni diinaa tarkaanfii WBOn irratti fudhate kanaan rifates ummata civiiliitti dhukaasuun namoota lama Dayyaas Moosisaa fi Tafarraa jedhaman ajjeesuun beekameera. Ummaannii nannoo injifannoo boonsaa WBOn diina irratti galmeesse kana irraa gammachuu isaa ibsee injifannoo irra caalaa galmeessuuf WBO jabeessuu keessatti kan irraa eegamu guutuuf qophii tahuu beeksisee

I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment