Wednesday, May 29, 2013

Kanarraa kan ka’e nuti ilmaan oromoo


Masnoo kan Jallisu abbuma Ooyruuti!

Caamsa 29, 2013
Dhaamsaan an Obboleetiiwwan fii Obboleewwaniif dabsuu fedhii qabuutu, barreefama kana akkaan barreessu na dirqe. Humna seenaan qabdu irraanfachuun akka beektoota ‘Habeshootaati’ nama godha. Kanarraa kan ka’e nuti ilmaan oromoo, seenaan waan nu barsiisaa turte irraanfachuu hin qabnu. Fakkeenyaaf yooniin takkaa-lama ja’e : wanni sammuu tiyya tanarraa achi hin seqne, seenaa ‘QEESONNI HABASHAA’ oromoof lachaa ture. Tuffiin isaan nuuf qabanirraa kan ka’e wannoota sammuun nama fudhachuu hin dandeenye nuun jechaa turan, ammallee jechuurraa if-duuba hin deebine. Barnoota ammayyaatiif galanni haa gayu, nutilleen humna barattee fii barachaa jirtuus ‘HABASHOOTA’ ol qabna! Oromoon wanni hubachuu qabdu – akkaan ani yaadutti – Habashaan Jaalattuus jibbituus OROMIYAAN biyya of dandeesse tahuuf teessi. If-qoltoonni Engeeneroota ethiopia boruuti if sehu, carraa kanatti fayyadamuudhaan akka dogoggoraa jiran isaniif ibsuun fedhu, isaan akka abdii sabaa kara ifiin fadhanitti jallisuu hin dandeenyees kanuma kessa itti himuun barbaada. An, akka nam-tokkeetti, seenaan ‘beeta kristiyaana amaaraa’ keessatti odeefamtu gurrarra na yaatu. Amata 3000 miti kumaatamanuu maaf hin herregamne!
“ABC janneeti baranna, kanumaan guddana. Afaanuma keenyaan katabnee dubbifnaa” ja’eeti wallise wallisaan keenya beekkamaan Alii Birraan. Namni afaan mi’awaa kana, qubee akkanatti barreessuuf namatti toltu , qubee adunyaan harki irra-guddaan ittiin fayyadamu, tana dhiisaati fedela saba bicuutti fayyadamaan nuun jechuuf yaalii godhu, ni maaraate moo? manamaan (abjuudhaan) zabana ‘nafxanyootiin’ borcumarra teesse dhaqe? gaafilee tanneen innuumaan yoo kan hirriiba keessa jiru irraa ka’e nuuf deebisuu haa yaalu, silaahilettuu tuffataan akka tuffatamu of hin beeku.
Dhumaratti namootiin oromoon akka gaafa ‘andenet’ lalisaa turee san jirti ja’ee yaadu, abjuu keessa jiru irraa akka ka’u waqayyoo kadhanaaf! Tokummaan ta Oromoon hawwaa jirtu tana yoo taate malee tokkomuu habashaan deemtuun diduu akka qabnuun dhaamsa dabarfachuu barbaada!
Bilisummaan ta saba balla’ati!
Dargagoon Abdii saba Keenyaati!
Barnootnni Afaanuma keenyaani!
Abbaa Anaol

No comments:

Post a Comment