Sunday, May 19, 2013

Poolisoonni Naannoo Oromiyaa 5 Diddaa Barattoota Oromoo Duubaan Jirtu Jechuun Qorataman.

Caamsaa 18,2013 Jimmaa

Barattooti Oromoo Kolleejjii fi Yuniversitii Jimmaa keessa jiran Caamsaa 12,2013 ayyaana Irreecha Arfaasaa irratti diddaa jabaa dhageessisaniin mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun ni yaadatama. Walleelee warraaqsaan dhaamsa diiddaa isaa kan dabarfataa turan barattooti Oromoo dabalataan barruu warraaqsaa manneen barnootaa fi magaalaa keessatti baldhinaan facaasaa turan.
Haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Caamsaa 15,2013 irraa kaasee poolisoota naannoo Oromiyaa dhalootaan Oromoo ta’an nama 5 sochii barnootaa kana dhaabuu waan hin dandeenyeef jecha isin ergama addaa waan qabdu sababa jedhuun waajira poolisaatti qormaata jala galuun isaanii qeerroon gabaasa. Haalli kun ilmaan Oromoo mootummicha keessaa hojjetan garii waan mufachiisee jiruuf gaaffiin mirgaa Qeerroon jalqabe gara qaama mootummichaatti baldhinaan ce’uuf akka jiru muldhisa.
Maqaa fi itti baha qormaata poolisoota Oromoo irra gahaa jiru gama fuula duraatti qeerroon ni gabaasa.

No comments:

Post a Comment