Gabaasa Qeerroo Yuniversitii Jimmaa Gurraandala 20,2014
Mootummaan
Abbaa Irree wayyaanee FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka guutummaa
Oromiyaatti gaggeessaa jiru fi addaatti immoo Godina dhihaa Oromiyaa
keessaatti sochii Qeerroon irraa jiru irraa sodaa fi naasuu keessa
seenuun seeraa itti gootota baratoota Oromoo ittin sodachiisuu bulee
bulee baasuun FDG’ gaggeeffama jiru irra uggura ka’a jiraachuun ittuma
gootota baratoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo FDGf kan kakasee malee
dubbatti kan deebisaa hin jirre ta’uu qeerroon waliif labsee jira.Haaluma kanan Ergamtootni Wayyaanee bulchitootni Yuunivarsiitii Jimmaa ergama ilmaan TPLF fi EPRDF irra itti darbee akkama jirutti of keessa dabarsuun FDG dura ittin dhaabbachuuf seera Wayyaaneen baase, kan mata dureen isa, ‘Namni seera mootummaa keenyaa baaseen mormee argame waggaa tokko oliif barnoota irra arii’atama’ jedhuu mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa bakkoota hundaa fi bakka doormii baratoota hundatti maxxansuun, barruudhuma kana irratti xiqqoo gadi siquun namni seera mootummaa keenyaan mormuu kamuu fuldurattis Yuunivarsiitii fi kolleejjii mootummaatti barachuu hin danda’uu kan jedhuu ibsuun ta’ee jedhee mootummaan wayyaanee wan qabee gadhiisuu dhabuun baratoota shororkeessaa jiraachuun ibsamera.
FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo sududaan gaggeessa jiru, dura dhaabbachuuf toftaan inni biraa Wayyaaneen fudhachaa jirtu akkuma amala isaa afaan qawweetti waggaa 22 oliif dhimma itti bahaa ture, Ammas humna waraanaa of harkaa qabu mooraa dhabbilee barnootaa keessa qubsiisa jiraachuun saaxilame jira. haala kanaan guraandhala 17/2014 irra egalee qabatamaan Yuuniversiitii akka Jimmaa, fi Mattuu, mattuu keessa qubsisee jira. Hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo waraanaa Wayyaanee dhabbilee barnootaa keessa qubsiifama jiruuf waamichaa FDG taasisaa jiraachuu ibsee jira.
No comments:
Post a Comment