Monday, February 17, 2014

FDG Wallagga, Godina Qellam Aanaa fi Magaalaa Adda Addaa keessatti Adeemsifamaa Jira


Durraandhala 16,2014

Diddaan farra gabrummaa godina Qellem magaalaa adda addaa keessatti adeemsifamaa jira. Kunis miseensota Qeerroo,maadhewwan jiranii fi barattoota mana barumsaa olaanaa fi qophaayinaa akkasuma barattoota kitaa 7 fi 8 baratan,uummata oromoo miseensa mootummaa wayyaanee(OPDO) irraa walaba tahaniin Guraandhala 15 irraa kaasanii toora garagaraa kan mootummicha laamshessuu fi yaaddessuun eegalee jira. Odeessaan madda gabaasicha irraa hubatamu aanaalee godina Qellem jalatti argaman qabeenyaa mootummaa wayyaanee qabu kanneen akka konkolaataa,daandii konkolaataa irratti mukkeen ciruudhaan,bakka walgayiin itti gaggeeffamu diiguu fi gubuudhaan halkanii guyyaa diddaan qabeenyaa wayyaanee dhabamsiisuu jabaatee,barattootni sirni mootummaa wayyaanee oromiyaa keessatti hin hojjetin, seeraa fi heera mootummaa wayyaanee hin feenu, seeraa fi heera itti bullu dhaaba ABO galma haagau,. Kan jedhu waraqaalee adda addaa facaasuun,akkasuma waraqaalee waamicha FDG raabsuu fi maxxansuudhaan uummanni bakka jirutti diddaa jabeessee jira,akka madda gabaasichaatti gandoota kanneen akka Waabaa Eebbaa,Gerechoo jedhamu keessatti milishoota gandaa kan mootummaa wayyaaneef jilbeenfatanii uummata jilbeenfachiisuu barbaadan tarkaanfii reebichaa irratti raawwachuudhaan hidhannaa isaanii harkaa fuudhanii qabsoof gumaata gochaa jiru, dargaggoonni wal ijaaruudhaan kaabinoota wayyaanee doorsisuun hanga amansiisuun diddaa waliin adeemsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa,diddaa uummataan kae kan bakka hundaatti tokko tae fala dhabuudhaan mootummaan wayyaanee godina kana irratti hanga callisuu filatee akka jiru maddi gabaasaa Qeerroo godina Qellam Dambi Doolloo irraa addeessa.

No comments:

Post a Comment