Monday, February 3, 2014

Ergamtooti Wayyaanee Abbaa Duulaan durfamu Embassy Itophiyaa Washington, DC keessatti ergama raawwatuuf yaalaa jiru.

Ayyaantuu.com, Washington, DC | Gurraandhala 2, 2014
Abbaa Duulaa G. ( Minaasee W.Giorgis) - 2.2.14Ergamtooti mootummaa abbaa irree Wayyaanee/TPLF kan Abbaa Duulaa Gammaadaa (Minaasee W/Giorgis) durfamu ajaja TPLF irraa itti kenname qabatee gara Washington, DC dhufuun beekame.
Abbaan Duulaa ykn Minaaseeni fi gareen isaa Embassy Itoophiyaa Magaalaa Washington, DC jiru keeyssa riphuudhaan warreen faayidaa dhuunfaa isaaniitif akkuma isaanii mirgaa fi haqa ummata Oromoo fi Oromiyaa dabarsanii gurguran/kennan waliin ta’uudhaan dhoksaadhaan kaayyoo dharaa kan manneen barumsaa Oromiyaa keeysatti babal’isuuf jedhuun gargaarsa qarshii walitti qabuuf yaalii gochaa akka jiranii fi sochii dhoksaa kanas sabboontoni Oromoo irratti dhaqqabuu ifa ta’ee jira.
Yeroo ammaan tanatti barattoota Oromoo fi kanneen biroo Yunivarsity Haromayaa keessatti barachaa jiran summ’ii nyaata barattootaa keeysatti naquudhaan miidhaa fi yakka hiriyaa hin qabne raawwachaa kan jiru mootummaan abbaa irree Tigree, sababuma nyaata summaa’e kanaan hanga harraatti barattooti ja’a (6) lubbuun isanii darbuun gabaafamaa jira. Kun osoo kanaan jiruu, mootummaan abbaa irree Tigree ergamtoota isaa kanneen akka Abbaa Duulaa jiran biyyaan alatti ergee mana barumsaa ijaaruuf sababa jedhuun karoora kanaan dura maqaa hidhaa laga Abbayyaan walitti qabachuuf yaalee dura-dhaabbanoo sabboontota Oromootiin addunyaa kana marattii fi bakka hundumaatti harkatti faashale bakkka buufachuuf ijjibbaata haarawa dhokaasaadhaan kan eegale ta’uun isaa saaxilameera.
Kanaaf, hawaasi Oromoo marti yaalii Wayyaaneen gama ergamtoota isheen Kaaba Ameerikaa, magaalaa Washington DC fi Stetota adda-addaa keeysatti gochuuf yaaltu akkuma barame tokkummaan dura dhaabbatanii gara warreen isaan ergateetti harka qullaa fi qaaniidhaan akka deebisan sabboontonni Oromoo waamicha lammummaa dabarsanii jiru.

No comments:

Post a Comment