Saturday, February 15, 2014

Godina Jimmaa fi Ilu-Abbaa Booraa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Baldhinaan Maxxanfamuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Jimmaa,Gurraandhala 14,2014
Lixa oromiyaa magaalaa Jimmaatti barruuleen warraaqsaa waamicha diddaa gabrummaa calaqqisiisan guutummaa magaalaa keessa erga rabsamuu jalqabee guyyoota sadi lakkoofsisee jira.Itoophiyaa keessatti hordooftoonni amantaa musliimaa qabsoo karaa nageenyaa erga finiinsuu eegalanii ganna lama lakkoofsisanii jiru yoo jenne waan haalamuu miti.Diddaan gabrummaa hanga bilisummaatti jedhuu mitiiree gootonni qabsoo ganamaatti cichan, kanuma bu’ura godhachuudhan hordoftoonni amantaa musliimaa magaalaa Jimmaa mootummaa wayyaanee kan yoo iyyatan iyya namaa dhagahuuf gurra hin qabnetti sagalee isaanii dhageessifachuuf barruulee warraaqsaa qabxiilee armaan gadii kana ofkeessaa qabdu akka waraqaa waamichaatti ummata magaalaa mara qaqqabsiisanii jiru.Qabxiileen isaan kaasan:
-Beellamni ji’aa musliimonni itoophiyaa mootummaa wayyaanef akka itti yaaduf kennaniif dhumuu isaa asumaan beeksisaa mormii nageenyaa boqonnaa lammaffaaf amma irraa eegallee tarsiimoo haaraa diriirsina.
-Cunqursaa fi hacuuccaa musliimota itoophiyaa irra gahaa jiru mootummaa biraan akka gahaniif koreewwan fala barbaadan jedhamanii mallattoo ummanni sassaaben namoonni kudhatorbaa filatamanii gaaffiwwan sadi wajjin gara mootummaatti ergamanii turan. Gaaffiwwan isaaniis:
1.Qaamonni majliisa irra jiran bu’anii filannoon iftoomina qabu haa taasifamu
2.Anjaan ahaabash jedhamu akka humnaan nutti hin fe’amne
3.Awwaliyaan bilisa ta’ee ummataan haa geggeeffamu kan jedhu ture.Mootummaan garuu gaaffii isaanif deebii kennuu irra koreewwan bakka buufaman irratti himannaa banuun yakka shororkeessummaan mana hidhaatti darbatee gidirsuu fi hiraarsuu filate. Akkasumas filmii dookumantarii sobaan hojjechuun miidiyaa wayyaanee kan ta’e ETV irratti fiilmicha agarsiisuni fi ragaalee sobaa leenjisuun koreewwan sana irratti akka sobaan ragaa bahan taasise.
-Cunqursaan mootummaa itti fufuun :- Masjiidonni akka weeraraman,akka diigaman,abbotin amantaa akka gidirfaman,gaazexeessitoonni, artistoonni,walumaagalatti dhaabbataa fi miidiyaa waa’ee musliimaa odeessu cufuun ukkaamsa isaa itti fufe.
-Gochoonni kun hunduu kan isa hin gammachiifne mootummaan wayyaanee:- finfinnee, garbaa,asaasa, baddallee, harar, waaldiyaa, adaamaa, kofalee,fi aggaarotti musliimota qulqulluu ta’an reebicha irraa eegalee hanga sobaan dhiiga isaanii dhangalaasutti deemee jira.
-Gochaa kana hundaa raawwatee ummata musliimaa tasgabbeessuu dadhabnaan ummata waggoota dheeraf waldanda’ee kabajaa fi jaalalaan wajjin jiraachaa ture amantaan walitti buusuf dhama’aa turu illee kiyyoon inni qopheesse abshaalummaa ummataan fashaalaahuu danda’ee jira.
-Mootummaan cunqursaa kana hundaa nurraan gahuu isaatif nuti musliimonni itoophiyaa gaafa jimaataa(7/06/2006) walitti qabamnee sagalee mormii dhageessifachuu irraa kan hafe dhagaa tokko illee darbachuu akka hin qabne cimsinee wal hubachiifna, sababni isaas mormiin keenya mormii karaa nageenyatiin amantaa ofii kabachiifachuu waanta’eefi.
Gaffiin keenya hanga deebii argatutti fi warroonni hidhaman hanga hiikamanitti qabsoon keenya itti fufa.
SAGALEEN KEENYA HAA DHAGAHAMU!!!
Carraa kanatti fayyadamuun qeerroon magaalaa jimmaas qabsaa’otaa fi ummata oromoo maraaf dhaamsa armaan gadii dabarsuu barbaada: IRREEN SOCHO’U ILLEEN SOCHO’A jedha oromoon yoo mammaaku yoo nuti warri sabaaf falminu fincille warri falminuuf kun illee nufaana socho’a waan ta’eef dammaqnee wal haa dadammaqsinu. Gochi magaalaa jimmaatti qabsiifame kun goleewwan oromiyaa afranuu haa qaqqabuun dhaamsa keenya.
QEERROO MAGAALAA JIMMAA IRRAA!!
INJIFANNOON KAN UMMATA OROMOOTI!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA!!

No comments:

Post a Comment