Sunday, February 16, 2014

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Diddaan barattootaa fi Uummataa gamtaan eegalame. Wayyaaneen barattoota Oromoo hidhe.

Gurrandhala 15,2014 Haromaya
Diddaa Qeerroo Gaaffiin abbaa biyyummaa Barattootaa fi Jiraattota Yuunivarsiitii Haramaayaan eegalame. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf shirri ilmaan Oromoo irraan gahaa ture haa dhaabbatu jechuun kan eegale diddaan kun Guraandhala 14, 2015 galgala waraqaa waamichaa walii bittinsuun mootummaa Wayyaanee dhiphina keessa naqee jira. Diddaan barattootaas nyaata lagachuun kan eegalame yoommuu tahu yeroo ammaa kanas mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun barattoota gamtaan gaaffii mirgaa gaafachaa jiran bittinsuu irratti argamti. Barattootas mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti Dhoksaan funaanuun ukkaamsaa jiru.
1. Barataa Shibbiruu Jaalataa Barataa economics waggaa 3ffaa
2. Barataa Jireenyaa Guutuu Barataa Plant science waggaa 2ffaa
3. Barataa Nuuraddiin Ahmed Barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
4. Barataa Cimdeessaa Kaffaalee Barataa Cooperative waggaa 2ffaa
5. Barataa Dassee Kitilaa barataa WREE waggaa 3ffaa
Mootummaan wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsite keessatti argamu. Waraanni mootummaa wayyaanee dhibba 500 ol tahu Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa kan seene yoommuu tahu diddaa barattootaa garuu dhaabuu hin dandeenye. Mootummaan wayyaanee shira kamuu dalagus Fincila diddaa garbummaa itti fufinsa qabu hanga bilisummaan argamtu duuba hin deebinu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa addeessee jira.

No comments:

Post a Comment