Saturday, February 8, 2014

Waldaan Dubartoota Oromoo UK (WBO-UK) seeraan dhaabbate

Guraandhala 8, 2014
Dubratootni Oromoo biyya UK jiraatan jaarmayaan humna ta’uu isaa hubachuu dhan gaafa Guraandhala 2, 2014 Magaalaa London keessatti walgahanii waldaa isaan dhaabbataniiru.
Walgahii kana irratti dubartootni Oromoo London fi London alaa jiraatan argamaniiru. Akkasumas, dhiirri Oromoo hedduminaan argamuu dhan deeggarsa dubartootaaf qaban mul’isaaniiru.  Jabina  waldaa dubartootaaf waan dandahamuun akka bira dhaabatanis ibsaniiru. 
Walgahii kana iraatti bu’uuressituu fi dura teessuun WDO-UK, adde Addisee Dheeressaa, kaayyoo waldaa kanaa ilaalchisee ibsa bal’aa godhaniiru. Akkasumas, seenaa Oromoo keessatti dubartootni mirga isaaniif falmuu keessatti qooda guddaa akka qaban hubachiisaniiru. Keessatuu dubartootni Oromoo duri irraa kaasee ”Siiqqee” itti dhimma bahuu dhan mirga isaanii kabachiifachaa akka turan ibsaniiru. Itti dabalees, dubartootni Oromoo yeroo Oromoon gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee karaa adda addaa falmaa guddaa gochaa akka turan ibsanii ; kunis qawwee qabatanii diina lolaa akka turan, ammas lolaa akka jiran beekamaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Diraamaan hacuuccaa dubartootaa fi akkaataa itti falmatan agarsiisu karaa dargaggootaa fi shamaaran Oromoo agarsiifamee jira.
Itti dabalees, Adde Dirribee Tibbaa, miseensi koree WDO-UK, walaloo aadaa fuudhaa  fi heerumaa Oromoo ilaalu  dhiheessuu dhan aadaan Oromoo  hangam bareedaa akka ta’e mul’isaaniiru.
Dr Trevor Truman, falmaam mirga Dhala namaa Oromoo, rakkina yeroo ammaa dubartoota Oromoo baqqatoota ta’an irra gahaa jiru ibsuu dhan  mirga isaaniif falmachuuf ijaaramuun hedduu barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Dhuma irratti dubratootni Oromoo miseensummaaf galmeeffamanii Walgahii milkiin xumurameera.
Waldaa Dubartoota Oromoo ( WDO) biyya UK
London
Guraandhala 2, 2014

No comments:

Post a Comment