Wednesday, February 5, 2014

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Ogeessii Fayyaa Miseensa Wayyaanee Akka Tahu Dirqiisiifame Tokko Tikoota TPLFn Dhaaname.

Gurraandhala 5,2014 Amboo

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Ogeessii Fayyaa Alamuu Digaafee jedhamu miseensumma Wayyaanee waan dideef dabbalotaan reebichaan ulfata irra ga’ee du’aaf jireenya gidduutti argama.
Gabaasaa: Ammajjii 29/2014 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti hojjetaan wajjira fayyaa tokko talaalii Pooliyoo daa’immaniif gargarsaa biyya alaatiin dhufee kennuuf akka badiyaatti bobba’etti dabbaalota mootummaa Wayyaaneetiin reebamee yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti argama.
Odeessi bubulee nu qaqabee akka addeessuutti ogeessi fayyaa maqaan isaa Alamuu Digaafee jedhamu Oromummaan yakkamee dabbalotaa mootummaatiin akka malee reebame, cuupheedhaan mataa isaa irra waraaname yeroo amma kana du’aaf jenyaa gidduutti argama. ogeessi fayyaan kun buufata fayyaa aanaa Midaa Qanyii magaalaa Ballaammii keessaa kan hojjetu ogessaa fayyaa ykn nurse ta’ee utuu hojjetu, itti gaafatamtotni wajjira OPDO aanaa Midaa Qanyii yeroo baay’eemiseensa keenya ta’ii jechuun rakkisaa kan turan ta’ee utuu jiru,ogeessii kun dandeetii fi gahumsa ogummaa waan qabuuf hogganaan Wajjiraa Fayyaa Aanaa Midaa Qanyii kan maqaan isaa Asfawuu Girmaa jedhamuu wajjira fayyaatti waamee miseensa maaliif ta’uu diddee amma argitaa jedhee itti dhaadachuun ni yaadatama.
Ogeessii kun dhalli nama hojiin madaalama malee hangan ogeessaa ta’ee jirutti dabbaalumma keetiin na hin madaaltu jedhee of irraa ittisaa utuu jiru talaalliin Pooliyoo daa’immaniif gargarasa biyya alaatiin dhufe kennamaa utuu jiruu ogeessii kun talaallii kana baadiyaatti bahee akka kennuf dirqamee utuu tajajila kana irraa jiru waan miseensa OPDO guutuu didee fi Ilma Oromoo waan ta’ee qofaaf dabbalonnii wayyaanee kun duukaa deemuun lafa inni tajajila kenna jirutti tarkaanfii diinummaa kana irraatti fudhatan. kana biratti yeroo amma kana ogeessii kun dirmannaa seeraa fi yaala gahaa dhabuun rakkoo keessaa jirachuun ibsate jira.
 

No comments:

Post a Comment