Sunday, February 2, 2014

Nairobi, Keenya Keessatti Yaadannon Dhumaatii Oromoo Anoolee, Calanqoo fi Oromiyaa Bakka Adda Addaatti Tahe Kabajame.

Amajjii gaafa 26, 2014 biyya Keeniyaa magaalaa Nairobi keessatti guyyaan yaadannon dhumaatii (Genocide) saba Oromoo Anoolee, Calanqoo fi Oromiyaa bakkoota gara garaatti sirna Nafxanyaa fi abboota irreetiin raawwatame kabajame.
Guyyaa kanatti lammiin Oromoo magaalaa Nairobi kessa jiraatan martii heedduminan kabaja guyyaa yaadannoo kanaaf kan bahan yoo ta’u, sagantaan walaloolee fi diramaawwan adda addaa dhiyaataniiru. Artistooti Oromoo bebbeekamoon kan akka Abdii Ibrahim, Faaxee Anniyaa fi Aliye Sabetis argamanii ergaa kara ogummaa isaaniin dabarsaniiru.
Keessattuu guyyaa kanatti dargaggooti sabboontoti Oromoo dhaloota haarawaa qophilee adda addaa sadarkaa guddina fi bilchina qabsoo fi siyaasa Oromoo calaqqisan kan dhiyeessan yeroo ta’u, kanneen keeyssaa walaloowwan ergaa jajjabduu of keessaa qaban sadii akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru

No comments:

Post a Comment