Thursday, February 27, 2014

Diddaan baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa jabaatee itti fufuu irraan Mootummaan Wayyaaneen humna Poolisa dabalataa itti bobbaase

Gabaasaa: Guraandhala 27,2014 Jimma

2014-02-25 09.07.52Yuunivarsiitiin Jimmaa tajajiila baranootaa kennuu irra gara tajaajila Waraanaa kennuutti darbee jira. Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni baratootni Oromoo guyyoota shaniif haala itti fufinsa qabuun diddaa sirna abba irree Wayyaaneef qaban itti fufanii jiru. Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hanga gaaffiin keenyaa karaa nagaa nurraa fuudhamee deebiin nuu hin kennamnetti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun diddaa isanii nyaata dhaabuun, barnoota dhaabuuni fi qabsoo FDG Qeerroon gaggeessuu itti fufuuf murteeffatan.

Haala kanaanis mootummaan Wayyaanee seeraa haaraa mirga baratoota ugguru barruu fuula torba qabu Wayyaaneen baastee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa fi doormii baratootni keessa jirattan hunda irratti maxxansitee goototni baratootni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo sabaaf sablamootni biyyatti fudhatama dhabsiisuun bakka Wayyaaneen maxxansitee walitti funaanuun ibiddan gubuun fudhatama dhabsiisan, seeraa jaamaan uummata itti miidhuuf baastu dhabamsiisuun Wayyaanee qaanessan. gochaan kun mootummaa Wayyaanee maraachee jira.

Yuunivarsiitiin Jimmaa ergama Wayyaanee hojii irra olchuuf jedhee tajajila barnootaa fi hawwaasummaa irra gara tajaajila Waraana kennuutti darbee jira, waraannii wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kessaa qubsiifame jiru yeroo amma kanatti tajajilaa nyaataa kaffee baratoota irra argachaa jira, tajajila geejjibaa immoo konkolaataan service adda addaaf ramadame hojii gaggeessa Yuunivarsiitichaaf ture sana dhaabuun waraanaa fee’ee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’a oola.

2014-02-25 09.31.37 2014-02-25 09.36.00 DSC00625Yeroo amma kanatti waraanni wayyaanee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Magaalaa Jimmaa, fi Aggaaroo irra rabsifamee jira, keessaattu waraannii heddumina qabu mooraa Yuunivarsiitii daandii gara hospitaalatti geessuu fi nannoo caffee baratootni fayyaa baratan irraa nyaatan gararraa kan qubsiifame ta’uun bira ga’amera. Mootummaan Wayyaanee waraana kana illee halkanii guyyaa ta’umsaa fi dhaabii dhorkaa jiraachuun ibsamee jira. Ilmaan Oromoo waraanaa kana keessatti argaman akka baratoota Oromoo Yuunivarsiitii keessa jiran kan ijaan beekan, hiriyummaan wal beekan, kan waliin baratan fi firumma dhiigaa wal irra qaban illee yoo argan akka hin dubbifnee, fi dubbisee kan argamee seeratti kan dhiyaatu ta’uu isaa odeessii keessa waraana wayyaanee kana ba’uu saaxilee jira.
Haala kanaan mootummaa wayyaanee dabalatee Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Magaalli Jimmaa raafama guddaa keessa seentee jirti.

No comments:

Post a Comment