Wednesday, February 26, 2014

Diddaa Hojjetootaa Warshaa Sukkaaraa Finca’aa Irraa Eegaluun Dhagahame.

Gabaasa Qeerroo Finca’aa Gurn-dhala 26,2014
Godinaalee oromiyaa tokko tokko keessatti diddaan kallattii adda addaan wal qabatee kaaa jiraachu isaa yeroodhaa yerootti gabaafamaa jira. Gabaasaa Qeerroo Wallaggaa,Finca’aa irraa hara Guraandhala 25 addeessuun warshaa Shukkaaraa Fincaatti argamu irraa hojjetootni hojjetan gaaffii dabaliinsa miindaan kan wal qabatee diddaa jabaan uumamee jira. Gaaffin kunis torban tokko dura kan eegale yoo tahu sochii Qeerroon kan buuura kan buuura tae mootummaa wayyaane irratti hojjetootni gaaffii deebii argachuu hin dandeenye dhiyeessuu irraan gama hundaan diddaan akka jabaatee kau taee jira,ammatti gaaffiin hojjetoota warshaa kana irraa dhiyeessan mootummaa irraa deebii hin argatin waan jiruuf guutummaan guututti hojjetootni warshicha hojii dhaabuu murteessuun dhaamsa waliif dhaamaa jiru,waraqaan qeerroos naannichatti kan bittimfamaa jiruudha,daandiin gara warshaa sanii geessuus diddaa hojjetootaan kan kaee cufamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Gama kanaan gabaasaan jiru itti fufa!


No comments:

Post a Comment