Nyaanni
summiin makamee barattootaa kenname barattoota hedduu lubbuu darbaa fi
dhibee gurguddaaf kan saaxile irra taree barattoota hedduu barnoota
isaanii irraas akka har’iman taasisaa jira.Barattoonni lakkoofsi isaanii
hedduu ta’anii fi galmee isaanii Qeerroon qindeessaa jira,hanga
ammaatti karaa mootummaa ifa hin ta’iin lubbuun isaanii darbee fi
kanneen dhukkubsachuun mana yaalaa galan kumaatama.Irra guddaan
barattootaa hama yeroo ammaatti illee yaala gahaa hin argatiin mana
yaalaa ciisanii akka jirantu mul’ata.kanumaan dhimmi kun gaaffii
gurguddaa barattoota keessatti kaasees mootummaa Wayyaanee biratti
gaaffii biroo tahuun ergama ABO qabu jechuun barattoota hedduun humna
poolisa Federaalaan dallaa gad-dhiisanii akka bahan taasifamaa jiru.Haala kanaan barattooti hedduus magaalaa keessatti rakkataa akka jiran gabaasi qeerroo Haromaya addeessa. Kanneen heddumminaan miidhamanii mana yaalaa jiranii fi kanneen arihaman keessaa sochii dargaggoota Oromoo ta’uun beekama.
Gaaffiin FDG barattooti kaasan kun har’a itti fufuun gara university Hawaasaatti tarkaanfatee gaaffii gurguddaa kaasaa jira. Kanneen gaaffii kana kaasan barattoonni Oromoo hedduus humna poolisa Federaalaan adamsamaa akka jiranii fi dallaan Yuniversitichaas humna waraana adda addaan marfamee eeggamaa akka jirudha.barattoonni dallaa lameeniis dallaa kanneen hafan maraaf iyyannoo nu qaqqabaas iyyachaa jiru.
Gabaasi dabalataa gama fuula dura itti fufa.
No comments:
Post a Comment