Thursday, February 13, 2014

Waraqaan waamichaa hedduumminaan bittinnaa’uun Uummata Oromoo dhaqqabe gaaffii mirgaa gamtaan jalqabsiise

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 14,2014
Uummatni Oromoo guyyaa tokko illee mootummaa wayyaaneefis tahe sirna garboomfataa darbeef jilbeeffatee bulee hin beeku. Mootummoota abbaa irree of irraa darbuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa as gahe. Ammas kun daran jabaachaa kan dhufe dhaadannoowwan sirna mootummaa wayyaanee morman magaala Finfinnee keessattii fi naannawa Finfinnee Buraayyuu, Sulultaa fi Sabbataa keessatti haalaan bittinnaauun Uummata Oromoof waamicha mootummaa wayyaaneef ammo dhiphina guddaa tahee jira. Mootummaan wayyaanee haala kana dura dhaabbachuuf Poolisoota hedduumminaan bobbaasus Uummatni gamtaan waajjira bulchinsaa deemuun gaaffii mirgaa gaafachuu irratti argama. Waraqaan waamichaa kun Uummata dhaqqabes Uummatni dirqama isaa akka bahuuf tahuu qeerroon jabeessee hubachiisa.

No comments:

Post a Comment